[ad_1]
Salaaleetti yakka jabaatu humnoota mootummaan uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira jedhame.
Salaalee aanaalee garaagaraatti yakki Waraana Biltsiginnaatiin ummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee itti fufuu jiraattonni himan.
“Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf Ummata dhabamsiisuutu barbaachisa” yaada jedhuun yakki waraanaa ummata irratti raawwatamaa jiru itti fufeera kan jedhan jiraattonni godinichaa, aanaalee Warra Jaarsoo, Kuyyuu fi Dagamfaatti guyya guyyaan lammiileen nagaa ajjeefamaa, qabeenyi isaaniis saamamaa fi gubamaa jiraachuu ibsaniiru.
Paartiin aangoo harkaa qabu Biltsiginnaan, Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf, keessumaa Ummata WBOf dawoo ta’eera jedhee amanu balleessuun akka barbaachisu ifatti labsatee, gochoota egeree ummatichaa dhabamsiisuu irratti fuulleffatan raawwachuu erga eegalee bubbuleera.
Gochoonni egeree ummatichaa dhabamsiisuu irratti fuulleffatan kunniin yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufaniiru.
Keessumaa battala Oppereeshiniin Waraanaa Karoora Riphee Lolaa balleessuu jedhuun qophaa’e hojiitti hiikamuu eegalerraa kaasee ammoo, ittuu babal’achuun qe’ee Oromoo mara seenaa jiraachuu odeeffannoon hawaasarra yeroo yerootti nu qaqqabu ni mul’isa.
Oppereeshinii kanaan iddoowwan addatti irratti fuulleffatamee, gochoonni egeree hawaasichaa balleessuu irratti xiyyeeffatan itti raawwatamaa jiran keessaa ammoo aanaaleen godina Shawaa Kaabaa adda durummaan eeramu.
Godinichatti tibbanuma aanaa Warra Jaarsootti lammiileen nagaa 18 ta’an waraana mootummaa garasitti bobbaafamee jiruun haala suukanneessaan jumlaan duguugamuu gabaasnee turre.
Namoonni Ganda Awwaaree Goljee, bakka Badhaadha Gabreelii jedhamutti jumlaan duguugaman kunniin, gariin namoota hojii idilee isaaniirra turan, gariin namoota mana amantaatii tajaajilan, kuunis bakka cidhaafi iddoowwan birootii funaanamuun badii tokko malee gochi suukanneessaan kun kan irratti raawwatame ta’uu maatii fi jiraattonni ibsaniiru.
Maatiin namoota dhumanii reenfa ilmaan isaanii kaasanii awwaallachuus ta’e gadda taa’uu dhorkamanii, yakka waraanaa diinummaa guddaan firaa fi aantii isaanii irratti raawwatame kanas qaama itti iyyatan dhabanii gadda dachaan liqimfamanii jiraachuu dubbatu.
Aanaalee godinichaa biroottis gochi walfakkaatu itti fufiinsaan ummata irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatu jiraataan garasii dubbifne.
Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii aanaa Warra Jaarsoo, Namoota qe’eefi jiruu idileeniirraa funaanamanii haala suukanneessaan ajjeefaman kanneen ilaalchisuun, miseensota ABO to’anne jechuun Caamsaa 02, 2022 fuula facebook isaatiin gabaasee ture.
Namoonni 18 bifa kanaan to’atamuun ibsame kunniin seeratti dhiyaatanii, badiin raawwatan jedhamellee osoo hin qulqullaa’in waraanni mootummaa jumlaan rashanuu filateera.
Gochi ummata jumlaan fixuu, qe’eesaa barbadeessuu fi midhaansaa saamuu fi gubuu keessumaa yeroo dhiyoodhaa as haala suukanneessaan raawwatamaa jiru qindoomina humnoota Federaalaa fi Biltsiginnaa Oromiyaatiin kan raawwatamu ta’uu kan himan maddi odeeffannoo OMN, tarkaanfiin humnoota mootummaatiin fudhatamaa jiru martuu hawaasa nagaa irratti kan fuulleffate ta’uu ibsan.
Gochi godinichatti ta’aa jiru karoorri ummata duguuguu ifatti dhaadatamaa ture hojiin mul’ataa jiraachuusaaf agarsiistuu guddaadha jedhan.
Wanti ummata godinichaa irratti raawwatamaa jiru kun qaamni aangoorra jiru sadarkaa mootummaarraa gadi buhee jiraachuu mul’isa jedhu jiraattonni.
Qaamni akkanumaan nama nagaa qe’eesaatii funaanee ajjeesee gatu mootummaadha ittiin jechuuf nu rakkisa jedhu.
Ummanni Oromoo callisee manasaatti dhumuu hin qabu, erga duuti hin oollee qaama mana ofiitti dhufee nama ajjeesu ofirraa fincilaa du’uutu hiika qaba jedhu.
Ajjeechaa suukanneessaafi gochi egeree ummataa balleessuu Salaalee aanaa Warra Jaarsoo fi aanaalee godinichaa birootti raawwatamaa jiru kun, godinaalee Oromiyaa biroo keessumaa isaan sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo bal’inaan keessatti mul’atuttis itti fufiinsaan raawwatamaa jiraachuus OMN odeeffateera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings