[ad_1]
Salaalee aanaa Dagamitti barsiisonni humnoota mootummaan ukkaamfamanii fudhatamuun dhagahame.
Salaalee aanaa Dagamitti humnootiin mootummaa barsiisota mana barumsa Gullallee ukkamsanii fudhachuun dhagahame.
Jiraattonni har’a OMNtti akka himanitti, barsiisonni lama kaleessa humnoota mootummaatiin dareedhaa ukkamsamanii fudhataman.
Barsiisonni kunneenis maqaan isaanii Muluu Xaafaa fi Darajjee Ambassee kan jedhaman akka ta’e jiraattonni himan.
Asbuuteen dhabamuun barsiisota kanneenii hawaasa garmalee akka yaaddesses himaniiti jiru.
Keessattuu maatiin dhiphina hamtuu keessa akka jiran jiraattota irraa dhageenye.
Salaaleetti roorroon erga uummata irratti hammaatee bubbulee jira kan jedhan jiraattonni, humnootiin mootummaa namoota nagaa ajjeesuu, hidhuu fi qabeenya uummataa barbadeessuu idileeffachuu himaniiti jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings