in

Salaale aanaa Warra Jaarsoo keessatti waraanni Mootummaa namoota nagaa 18 Jumlaan fixuun dhagahame. – OMN

[ad_1]

Salaale aanaa Warra Jaarsoo keessatti waraanni Mootummaa namoota nagaa 18 Jumlaan fixuun  dhagahame.

Caamsaa 02,2022 Kibxatatti barii  humni mootummaa salaale aanaa Warra Jaarsootti  namoota nagaa 18 Jumlaan rashanuu dhageenye. 

Namoonni 15 gandoota Awwaaree Goljee fi Jamjam Meelaa irraa sadan isaanii immoo magaalaa Qarree Gohaa irraa cidha maatii tokkoo dhaqan.

Cidhni kun immoo  ganda Awwaaree Goljee jedhamu keessa ture. 

Waraanni mootummaa Namoota 18’n kanneen cidharraa walitti qabuun mana hidhaa magaalaa Qarree Gohaa jedhamu keessa erga bulchee booda Wixata halkan walakkaa sa’aatii biyyaa 07: 00tti julmaan fixe jedhu jiraattonni sagalee isaanii akka hin fayyadamne gaafatan. 

“Warra kanas Jumlaan Rashanee hallayyaatti gadi naqe. Warri Jumlaan ajjeefaman marti dhiira yoo ta’an Dargaggoota waggaa 21 – manguddoo waggaa 65 ti. Hanga ammaas reeffi isaanii hin kaafamne” jedha jiraataan dubbifne. 

Namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa kan hin qabne, qonnaan bultoota, daldaltootaa fi warra jireenya dhuunfaa ofii karaa akka akkaan jiraatan ta’uu jiraattota irraa odeeffanneerra.

“Humna   mootummaadha ofiin jedhu kan naatoo uummataa hin qabnetu maatii qonnaan bulaa cidha irraa qabee Jumlaan obbaase. Warra shimala guurratee gaa’ela qomoo isaa bareechuuf manaa bahetu rasaasaan dhume. Uummata safuu qabutu reeffi isaa ulfina dhabee dheena waraabessaa ta’e. Qe’een uummata nagaa Warra Jaarsoo  dhiigan miiccame” jedha jiraataan waan ta’e ijaan arge.

Aanuma warra Jaarsoo ganda Dhaayee Bocceessaa keessatti waraanni mootummaa manneen abbootii warraa 50 caalanii abidda itti qabsiisee barbadeessuu himan jiraattonni. 

Gochaa fokkisaan kun qindoomina  bulchiinsa godina Salaalee  fi aanaa Warra Jaarsoo, waraana mootummaa, Humna Addaa Oromiyaa fi milishoota  Amaaratiin raawwatame  jedhu maddeen keenya.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia’s Ambassador to US Vows to Improve Diplomatic Relations between Two Countries

ECA refutes Safaricom’s deadline extension claims