in

Salaale aanaa Jiddaatti, Irreechi Malkaa Sirxii sirna ho’aan kabajame. – OMN

[ad_1]

Salaale aanaa Jiddaatti, Irreechi Malkaa Sirxii sirna ho’aan kabajame. 

 

Irreecha Malkaa Sirxii Dilbata kaleessaa irreeffatame irratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, dargaggootni, shamarran, Artiistotni, qondaalonni mootummaa godinichaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaaraa Finfinnee fi godinicharraa  kumaatamaan hirmaatanii jiru. 

Irreechi Malkaa Sirxii waggoota dheeraaf addaan citee kan ture yoo ta’u, erga bakkatti deebi’ee kan miilanaa waggaa 4ffaa isaati.  

Jiddi gosoota Oromoo Jahan Galaan jedhaman keessaa hangafa. Galaan immoo ilma Daaccii ti. Daacciin ilmaan sadeen Tuulamaa keessaa tokko. 

Kutaalee Oromiyaa hedduutti Oromoon Ardaalee Jilaa dagataman gabbisuun Irreecha birraa itti irreeffachuu itti fufee jira. 

Godinuma kanatti Irreechi Malkaa Dubar bifa ho’aan irreeffatamee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Over half a million people newly displaced in Tigray, Afar and Amhara since militarized conflict resumed in August: UN

Ayyaanni Irreecha birraa biyya Masrii magaalaa Kaayirootti guyyaa kaleessa Onkololeessa 30/2022tti bifa hoo’aa ta’een kabajame. – OMN