in

Salaale aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti waraanni mootummaa dargaggoota lafaa dhufa lama sababa tokko malee ajjeese jedhame. – OMN

[ad_1]

Salaale aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessatti waraanni mootummaa dargaggoota lafaa dhufa  lama sababa tokko malee  ajjeese jedhame.

 

Jiraattonni OMNf yaada kennan, ajjeechaan kun Hagayya 14, 2014 ALItti raawwatame jedhan.

Dargaggoota ajjeefaman malee sadi immoo madeessuu maatiin dargaggootaa himanii jiru. 

Waraanni Bilxiginnaa dargaggoota ganda kanaa shan ‘’Isin WBO dha”  jechuudhaan maatii biraa funaanee deemuudhaan rasaasa itti dhukaasee laga Mogoritti naqee jedhu maatiin. Shanan isaanii keessaa Ijaaraa Makonninii fi Fiqaadaa Tolasaa ajjeefamuu maatiin himan. 

Dargaggoonni sadan hafan miidhama hamaaf saaxilamanii amma waldhaasarra jiru jedhu jiraattonni.

        

Ijoollee lamaan ajjeefaman keessaa reeffi Fiqaadaa Tolasaa qofti akka argame himu warri isaa. 

Ijaaraa Makonnin guyyoota lamaaf reeffa isaa barbaadanii kan ijibbaatan ta’uu maatiin himan. 

Godina kanatti irra deddeebiin dargaggoonni fi maatiin isaanii hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu jedhamuun ajjeefamaa jiru. 

Sababa tokko malee waraanan saamamaa qe’een irratti gubachaa jiraachuu ragaaleen mul’isu. Maatiin kumaatamaan  mana hidhaatti dararamaa jirus jedhame.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Walwaraansa TPLF fi Bilxiginnaa gidduutti adeemaa jiru sababeeffachuun, dhaabbilee barnootaa olaanoo waggaa tokkoo oliif adeemsa baruufi barsiisuu adda kutanii turan keessaa Yuunvarsiitiin Waldiyaa isa tokko.

The prolific Josef Bican – Capital Newspaper