in

Sagantaan Yaadannoo Doktora kabajaa Alii Birraa biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Teksaas magaalaa Daalaasitti geeggeeffame. – OMN


Sagantaan Yaadannoo Doktora kabajaa Alii Birraa biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Teksaas magaalaa Daalaasitti geeggeeffame.

 

Waayila Aartii Doktora Kabajaa Alii Birraa kan ta’e Artist Afandii Siyyoo imala amma fagoo biyya Awustraaliyaa irraa Ameerikaatti imaluun sirna yaadannoo kanarratti argamuun saganticha adda taasiseera.

Saganticharratti sabaafi sablammoonni birootis argamaniiru.

Sagantaa yaadannoo kanarratti Oromoota magaalattii fi naannawa sana jiraataniin alatti sabaaf sablammoonni bifa miidhagaa ta’een hirmaataniiru.

Waayila Aartii Doktora Kabajaa Alii Birraa kan ta’e Artist Afandii Siyyoo imala amna fagoo biyya Awustraaliyaa irraa Ameerikaatti imaluun sirna yaadannoo kanarratti argamuun saganticha adda taasiseera.

Kominitii Hararii bakka bu’uun haasawaa kan taasisan aaddee Naadiyaan Alii Birraa nama gaarii fi nama sabaa fi sablammoota osoo gargar hin baasin hojii aartiitiin tajaajilaa ture jedhan.

Hayyuu onnee namoota hedduu keessatti yaadannoo addaa kaayee dabree jechuun ibsan.

Itti aansunis Hiriyaa Alii Birraa yeroo dheeraa kan ta’e ogeessi Muuziqaa Abiy Makonnin yookin Ki’aapti Naabii jedhamuun kan beekamu sagantaa kanarratti dhihaachuun haasawa taasiseen Alii Birraa bara hundeeffama Afran Qalloo booda yeroo gara Finfinnee dhufee kutaa bulchiinsa Nifaas Silkii Kilaba Maaratoon jedhamutti inni wallisaa ture irraa jalqabeetan beekaa jedha.

Ergasii Alii Birraan ana malee obboloota koo 6 wajjiin muuziqaa taphateera jedha. 

Ogeessi Muuziqaa Ki’aapti Naabii hangan meeshaa Muuziqaa taphachaa tureefitti nama kennaa fi dandeettii aartii guutuu qabuu anaaf nama addaa ta’edha, sagalee Alii koppii gochuuf yoo yaalan malee Alii ta’uun hin danda’amu jechuun dinqiisifannaa qabuuf ibse. 

Sagantaa yaadannoo kanarratti kan hirmaate Waloo Lataa Qana’ii  walaloo yaadannoo Doktara kabajaa Alii Birraa dubbisuun hirmaattota garaa raaseera. 

Waloo Lataan walaloo kanaan bu’aa bayii Alii Birraa keessa darbe, bara dukkanaa sana keessa akkamitti aartii Muuziqaatiin warraaqsa qabsoo saba Oromoo finiinsaa, kan rafe dammaqsaa, ofii ammoo sagaleesaa miidhagaa saniin warraaqsa qabsoo fi Indaastirii muuziqaa Oromoo har’a fooyya’e kanaaf jaldhaaba akka kaa’e yaadachiiseera.

Sagantaan Kun akka qophaayuuf shoora olaanaa kan taphatan keessaa Eliyaas Ibsaa haasaa taasiseen Alii Birraa hojii hojjateen bara baraaf jiraataa jedhe.

Adeeroon hin duune, Doktar Alii Birraa ni jira, Adeeroon qaamaanillee yoo nu bira hin jiraanne hojiin isaa yoomiyyuu onnee dhalootaa keessa jira, barayyuu ni jaraatasi” jedhe.

Alii Birraan sabaafis biyyaafis waan gumaachuu qabu gumaacheera jedhe Eliyaas Ibsaa.

Alii Birraan waan namni tokko gochuu danda’u saba Oromootiif godhee jira. Afaan 7n wallisuun gumaacha Artistiin tokko biyyaaf gochuu danda’u eenyuu olitti gumaachee jira. Ali Birraan nama addaati” jedhe Eliyaas.

Duudhaa Alii Birraa itti fufsiifna kan jedhu irratti xiyyeeffachuu qabna jedheeti jira.

Biyya Awustraaliyaa irraa argamuun saganticha adda kan taasise Artist Afandii Siyyoo haasawaa taasiseen dandeettii Alii Birraa bara duriirraa jalqabuun birki birki baasuun ibse. 

Walaloowwan Abuubakar Muusaa qopheessaa ture, Alii Birraa bara san akkamitti akka sagaleedhaan dhawwaaqaa akka turee fi bu’aa bayii akkamii keessa akka darban ibsuun seenaa Ali Birraa hirmaattota yaadachiiseera Artist Afandii Siyyoo.

‘Kophaa Koo na dhiiftee ati deemuf kaanan 

Dubbachuun dadhabe ati naan dubbannaan’ Walleen jettu Fakkeenya duraa ta’uun Afandii Siyyootiin yaadatamtee jirti.

Artist Afandii Siyyoo Alii Birraan nama waan qabu cufa uummata Oromootiif dabarsee kennedha, nama waan danda’u hunda uummata kanaaf godheedha, nama Dhaloota kana keessa ni argama jedhee yaadamuu miti, Aliin nama qaaliidha jechuun Hiriyaasaa doktara kabajaa artist Alii Birraa faarse.

Sagantaa kanarratti hayyoonni, Abbootin amantii, haawwanii fi hirmaattonni yaada kennaniin Alii Birraan qabsaa’aa, falmaa mirga dhala namaa, hayyuu aartii fi nama guddaa Oromoofi Afrikaan dhabde tahuu ibsuun seenaasaa dubbachuun yaadataniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Military Attachés of Different Countries in Ethiopia Receive Briefing on Current Issues –

News: Peace talk in South Africa not about which side “Wolkait” should go to: PM Abiy