Safaricom dogoggoroota isaa waliin gabaa Oromiyaa seenuu hin danda’u jedhame.
Mormiin Oromiyaa keessaa dhaabbata telekoomii Safaricom irratti godhamu itti fufee jira.
Adeemsi qacarrii Safaricom loogii qabaachuu, Afaan hojii dhaabbatichi Oromiyaa keessatti ittiin hojjechuuf filachaa jiru faallaa heera naannichaa ta’uu fi kaampaanichi bakka bu’oota Oromiyaa keessaa yoo filatu ogeeyyiin dhalattoota Oromoo tooftaa qindaayeen dhiibamuun mormii kanaaf sababa ijoo dha jedhu rogeeyyiin Oromoo.
Faallaa kanaa immoo bakka bu’oonni (agents) kaampaanii kanaa Oromiyaa keessatti gad dhaabuuf filataman warra eenyummaa tokko qabani jedhameera.
Kaampaaniin guddichi tajaajila telekoomii kennuu fi waajjirri olaanaan isaa Keeniyaa Naayiroobii ta’e kun Afrikaa bahaa fi giddugaleessaattuu warra tajaajila telekoomii bal’aa kennanii fi bu’aa olaanaa argatan keessaa hangafa.
Biyyoonni ollaa Itoophiyaa baay’een dhaabbilee tajaajila telekoomii kennan hedduu qabaatanillee uummanni Itoophiyaa garuu hanga yoonaa kaampaanii tokkittii Itiiyoo telekom jedhamu qofaan tajaajila argachaa ture. Isumaa kaampaanii mootummaatiin.
Waggoota dheeraaf harka keessa qabachaa kan ture mootummaan Itoophiyaa yeroo dhiyoo as damee kana dhaabbilee dhuunfaaf qooduuf sochii eegaleera.
Tarkaanfii kanaani dha Safaricom Itoophiyaatti tajaajila kennuuf kan harka hiikkachaa jiru.
Kaampaaniin kun tajaajila eegaluuf barjaalee maxxansaa fi ejentoota bakka buufachaa yeroo jirutti, mormii jabaan isa qunnamaa jira. Keessumaa Oromiyaa keessaa.
Ijoon komii safaricom irratti deemaa jiruu kan jalqabaa Afaan Hojiiti. Afaan Hojii mootummaa naannoo Oromiyaa Afaan Oromooti. Dhaabbileen Oromiyaa keessatti hojii daldalaas ta’ee tajaajila kamuu kennan Afaan hojii naannichaa akka fayyadaman heera naannichaatu dirqisiisa.
Safaricom garuu akkuma dhufee waajjiraalee kireeffachuu eegaleen barjaalee beeksisaa Afaan Amaaraan maxxansuu eegale. Adeemsa kanaan naannolee hundatti Afaan Amaaraa Afaan hojii godhachuuf jira jechuu dha. Adeemsi kun immoo Adeemsa faallaa sirna federaalawaa Itoophiyaan bulaa jirtuuti. Barreessaa fi gaazexeessaa Lalisaa Idriis waan kanarratti barreeffama akkana jedhu qoodeera.
Safaricom casseffama Ethiotelecom hordofaa jiru akka hin hordofneef dhiibbaa gochuun barbaachisaa dha jedha.
Itoophiyaan biyya sirna Federaalawaati. Waajjiraaleen, inistiwuutiifi Jaarmiyaaleen gurguddaa jiran caaseffama heera biyya kanaa hordofuutu irra jiraata jedha. Kanaaf ammoo fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u Dhaabbata Humna Elektirikii Itiyoophiyaati jedhe.
Dhaabbatni Elektirikii Itiyoophiyaa sadarkaa Federaalaatti akkuma jiru, sadarkaa Naannoleettis bu’ureffameera. Naannoleen martiyyuu galii gibiraafi humna namaa naannoo isaanii keessa hojjetuu irratti murteessuuf aboo qabu.
Erga Waajjirri Elektirikii Oromiyaa hundeeffamee, ijoolleen Oromoo dhaabbata kana jalatti hojii argatan kumaan lakka’amuu jedha.
Ethiotelecom garuu kanaan faallaadha.kan jedhu Lalisaan, akka sirna duriitti Awuraajjaa dhaan bulchiinsa isaa qoqqoduu hima.
Fakkeenyaaf Ethiotelecom Damee dhihaa, bahaa, kibbaa, kaabaafi giddu galeessaa jedhamee qoodamee jira. Malee akka Waajjira Elektirikii Oromiyaatti, Ethiotelecom Oromiyaa wanti jedhamu hin jiru. Kun ammoo ijaarsa isaan shiraaf hojjetatanidha jedhama. Ethiotelecom amma tokko naannolee keessatti ijoollee Oromoo qacarus, galii fi waamamni isaa kan Federaalaa akka ta’u godha.
Kanaafuu Safaricom caaseffama Ethiotelecom kana hordofuun tasumaa sirrii miti. Akkaataa heera biyyatiitiin, federaalaa hanga naannootti caaseffamuutu irra jiraata. Aadaan, afaanfi eenyummaan tajaajilamtootaa, hojjettootaafi hojii kaampaanichaa keessatti mullachuu qaba jedha Lalisaan.
Kana akka ta’uuf ammoo mootummaan naannoos ta’e dhaabbileen Oromoo hunduu dhimma kana keessatti qooda fudhachuutu irra jira.
Ijoo lammaffaa Komii Safaricom irratti ka’uu yoo kaasu Lalisaan hanga ammaatti Abukaattowwan Safaricom Ethiopia qacarate 15 keessaa Oromoos ta’e saboonni biroo tokko hin jiran jedha. Saba tokko qofatu jira jedha Lalisaan. Dhaabbatichi waggaa shanan dhufan keessatti namoota kuma 15f carraa hojii uumuu karoorfate. Hanga ammaatti namoota 400tti dhihaatan miindessee jira. Isaan keessaa Oromoos ta’e saboota biroo maqaan isaanii Amaarinyaa hin taane muraasa jedhe.
Rogeessi kan biraa dhimma kanarratti barreesse Lammii Simee Safaricom kun rakkoolee hojmaataa fi ilaalchaa qaba jedhee tokko tokkoon eera.
1ffaa dhaabbanni kun seeraa fi heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajaa hin jiru. Oromiyaatti barjaaleefi maqaaleen dhaabilee hundi dursa Afaan Oromootiin katabamuu qabu jedha.
2ffaa adeemsi dhaabbatichi hojjettoota ittiin filatuufi qacaru iftoomina hin qabu. Namoonni kan qacaraman seera gabaa bilisaafi wal dorgommiitiin osoo hin ta’in wal beekkumsaafi firummaadhaani. Asirratti ragaa gahaatu jira jedhe.
3ffaa hoggantoonni olaanoon dhaabbatichaa haala qabatamaa biyya keenyaa kan agarsiisu osoo hin ta’in garee qeenxee tokkoon guutumatti kan qabameedha. Daldalli Itoophiyaa akkasumas Oromiyaa keessatti godhamu hunduu haala qabatamaa lafarra jiru hordofuu qaba jedhe.
4ffaa keessoo dhaabbatichaatti alloogummaan sabummaa giddu galeessa godhate hedduun kallattii fi al-kallattii godhamaa jiru. Asirrattis ragaa qabatamaatu jira jedhe.
Furmaatas kaaya rogeessi kun.
1) Dhiibbaa qindaa’aa fi walirraa hin cinnee fi ragaa qabatamaan deeggarame gochuu, Dhaabbatichi xinnoo turee jijjiirama fafakkeessaa wayii godhee akka nu sossobne gareen hawaas-diinagdee tokko hundaa’ee, haala seera qabeessa ta’een dhaabbaticha waliin dubbachuun furmaata fulla’aa fida jedha. Gareen kun waliigalteewwan godhaman hojiitti hiikamuu isaanii ni hordofa.
3) Dhaabbatichi Oromiyaa keessatti qofa osoo hin ta’in naannoolee ollaa kan akka Sidaamaa, Affaarii fi Somaalee keessattis rakkoolee wal fakkaatan uumuun isaa beekkamaadha. Kanaafuu, dhiibbaa guddaa uumuuf duulli kun naannoolee ollaas akka dabalatu gochuun barbaachisaadha jedha Lammiin.
Namootni safaricom hanga ammaa dameewwan irratti qacaree fi hoggantoonni, akkanumas bakka bu’’oonni filataman marti warra eenyummaa tokko qabani.
Sabboonni eenyummaa biraa qaban qorichaafillee hin jiran.
Kanarratti Rogeettiin Affaar tun akkana jetti. Safaricom osoo hojii hin eegalinuu warra ilaalcha tokkoo fi amantaa tokkoo hoggantoota godhee muudeera. Maqaa hogganoota olaanoo keessa maqaan Oromoo, Somaalii fi saboota biroo meerre? Kanarratti Musliimni tokko keessa hin jiru. Kun shira warra kamii akka ta’e beekamaa dha jetti Deelawaan Bara.
Kanaaf saboonni akka Oromoo, Somaalii, Affaar, Sidaamaa, Guraagee, Hadiyyaa Walaayittaa faan Safaricom lagachuu qabu jetti.
Gaazexeessaan Keeniyaa Yaasin Jumaa Safaricom Itoophiyaatti loogii sanyummaa godhaa jiruun akka lagatamu waamichi rogeeyyii Oromootiin waamamaa jira jechuun barruu maxxanseen komiin Safaricom irratti ka’aa jiraachuu ibse.
Adeemsi qacarrii isaa hirmaachisaa miti, loogii sanyii qabaa, Oromoo kan dhiibe maqaa fi Afaan Oromoon tajaajilamuu kan lagatu dha. Kanarratti Rogeeyyiin Oromoo hirmaannaa walqixaa fi hiree wal qixaa akka tolchitan isin gaafatu jedhe.
Safaricom tajaajila kennu kamuu keessatti seera biyyaa kabajee deemuu fi lammiilee hiree wal qixaa kennuuf dirqama qaba jedhee kaa’a.
Garuu Itoophiyaatti Adeemsi warri Safaricom dura deemaan (facilitators) tolchaa jiran duudhaa hirmaachisummaa Safaricom inni Keeniyaa ittiin beekamuun faallaa jedha.
Uummanni Oromoo walakkaa uummata biyya Itoophiyaa ta’a kan jedhu Yaasin hariiiroon kaampaanii kanaa fi Oromoo ergamaa fi mul’ata safaricom Itoophiyaatiif baay’ee murteessaa dha jedha.
Dhimma immaammataa fi tarsiimoo kaampaanichaa keessa galuu hin feenu garuu kaampaanichi loogii sanyummaa bakka bu’oota isaatiin raawwatamu akka fooyyessu hubachiisuu feenaa jedhu Ijoolleen Oromoo jedhe Gaazexeessaan Keeniyaa kun.
Rogeeyyiin Oromoo Safaricom Oromoo dhiibaa gabaa Oromiyaa irraa fayyadamuu hin danda’uu jechaa jiru.
Dhaabbatichi dogoggoroota isaa saffisaan sirreessuu akka qabu hubachiisanii, sirreessuu irraa duubatti jennaan kan hordofu Safaricom gabaa Oromiyaa keessaa baasuu dha jechuun hubachiisaa jiru.
Kun immoo deebisee kaampaanichuma miidhaa jedhan.
Safaricom komii irratti ka’aa jiru irratti hanga ammaa waawuu hin jenne.
GIPHY App Key not set. Please check settings