Safaricom dhaabbanni dhuunfaa tajaajila Telekoomii kennuuf Itoophiyaatti hayyama argatee sochii eegale dha.
Magaalota dhaabbatni kun yeroo dhihootti tajaajila keessatti kennuuf karoorfate 25 keessaa magaalonni 10 ol magaalota Oromiyaati.
Isaan keessaa Dirree Dhawaa, Finfinnee, Adaamaa, Jimma, Shaashemannee, Naqamtee fi Asallaa dabalatee magaalota naannawaa Finfinnee wiirtuu gabaa dhaabbatichaa akka ta’aniif karoorfamee jiraachutu himame.
Safaricom giddugala gabaa isaa Oromiyaa taasifatus hanga ammaatti garuu gochawwan Oromoofi Oromiyaa dhiiban karaa warra dhimma isaa raawwachiisuuf bakka isaa bu’aniitiin raawwatamaa jiraa jedhu warri itti dhiheenyaan hordofaa jiran.
Waggoota muraasa dura Itoophiyaan damee telekoomii qaama dhuunfaaf hin kennu jettee turte ijjannoo ishee jijjiiruun hanga tokko banuu kan beeksifte.
Kanuma hordofee caalbaasii taasifameen ‘Gamtoomina Idil-addunyaa Itoophiyaaf’ dhaabbatni jedhamu dhaabbilee caalbaasichaaf dorgoman, kaampaaniiwwan akka ‘Vodafone, Vodacom, Safaricom, Sumitomo Corporation fi CDC Group’ jedhaman of jalatti qabachuun doolaara miliiyona 800 fi miiliyoona 50n injifatee akka ture.
Kanuma hordofuuni Safaricom Itoophiyaa keessatti tajaajila telekoomii kennuuf sochii kan jalqabe.
Adoolessa darbe dhaabbatichi fuula tiwiitara isaa irratti barreeffama maxxanseen, Itiyoophiyaa keessatti tajaajila eegaluuf qophii hunda xumuruu ibsee jira.
Xiyyeeffannoon sochii daldala dhaabbatichaa magaalota irratti ta’uu kan ibse dhaabbatichi, amma Ebla bara 2023-tti magaalota gurguddoo biyyattii 25 keessatti akka dameewwansaa diriirsu beeksise.
Magaalota eeraman keessaa 10 caalaan magaalota Oromiyaa yoo ta’an, Dirree Dhawaa, Finfinnee, Adaamaa, Jimma, Shaashemannee, Naqamteefi Asallaa dabalatee magaalota naannawaa Finfinnee wiirtuu gabaa dhaabbatichaa taasisuuf akka karoorfame himameeti jira.
Dhaabbatni tajaajila telekoomii bu’aa argachuu kaayyeffatee hundaa’e kun, giddugala gabaa isaa Oromiyaa taasifatus hanga ammaatti garuu gochawwan Oromoo fi Oromiyaa dhiiban raawwachaa jira jedhamuun komiin irratti ka’ee jira.
Dhaabbatichi bakka buutota yookii ammoo ejentiiwwan biyya keessaa muraasa fayyadamaa akka jiru ragaaleen mul’isan.
Karaawwan bakka bu’oota isaa hojiiwwa hojjachaa kan jiru yammuu ta’u, qacarrii hojii karaa bakka bu’oota isaa kanaan biyyattii keessatti taasisaa jiruun loogummaa sabaa isa olaanaa raawwachaa jiraachuusaa rogeeyyeewan miidiyaafi namoonni itti dhiheenya qaban ibsaa jiru.
Gaazexeessaa fi daayireektarri Maltiimidiyaa Risaa Obbo Gammadaa Olaanaa warreen adeemsicha qeeqaa jiran keessaa yammuu ta’an, qabxiilee gurguddoo shan tarreessuun dhaabbata Safaricom kana cimsanii qeeqaniiru.
Akka isaan jedhanitti dhaabbatni Safaricom kun carraa hojii uumaa jiruun dhalattoota Oromoo moggaatti dhiibaa jira.
Dhaabbileen daldalaa Safaricom waliin akka hojjetaniif filatamaa jiran hedduun dhaabbilee Oromoo kan hin taane yoo ta’an, magaalota Oromiyaa hedduu keessatti bakka buutota yoo filatu, namoota sabaan Oromoo ta’aaniif osoo hin taane bakka biraarraa fideetu jedhu.
Ogeessi IT Obbo Abdiisaa Baancaas yaada Gammadaa kana qooddachuun, dhaabbatni Safaricom kun Oromiyaa keessatti namoota Afaan Oromoo hin beekne miindessaa jiraachuu akkasumas aadaa fi Afaan Oromoollee dhiibaa jiraachuusaa dubbatu.
Dhaabbatichi hanga ammaatti hojjataa 500 ol qacaruusaa kan himamu yoo ta’u, waliigaltee hojjetaa qacarachuuf qabuu irratti dhaabbata hojjetaa fi hojjechiisaa wal qunnamsiisu Ethiojobs jedhamu waliin hojjechuunsaa ibsamee, ulaagaa ifa hin taaneen dorgomtoonni maqaan isaanii maqaa Oromoo ta’an utuu qabxiifi muuxannoo ga’a qabanii dhiibamaa jiraachuus akka sababaatti kaafameeti jira.
Magaalaawwan Oromiyaa hedduu keessatti hojiileen beeksisaafi barjaalee dhaabbatichaa yeroo maxxanfamu Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii qofaa ta’aa jiraachuusaan wal qabatee komii irratti ka’uuf, deebiin bakka bu’aa Safaricom damee Itiyoophiyaarraa kennamu, dhaabbata federaalaa waan taaneef afaan federaalaa qofa fayyadama kan jedhu ta’uus komiiwwan ka’aa jiran keessatti eeramaniuti jiru.
Komii loogummaa sabaan wal qabatee dhaabbaticharratti ka’aa jiru ilaalchisee duulli qinda’aa karaa Email fi marsaalee miidiyaa hawaasummaa geggeeffamaa jira.
Bakka buutotaafi hoggantoota dhaabbatichaaf dhimmicha ibsuufis komiin wal fakkaataan karaa Email barreeffamaa jira.
Gabaan dhaabbatichaa harka guddaan Oromoo fi Oromiyaa ta’uuf otoo jiruu ejentoonni kaampaanichaa gochaa akka kanaa raawwachuun egeree dhaabbatichi Itoophiyaa keessatti qabuufuu sirrii hin ta’uu jedhaniiru.
Dhaabbatni Safaricom karaa fuula miidiyaalee hawaasummaasaa dhimma kana ilaalchisuun hanga ammatti yaada kennate hin qabu.
Hooggantoota dhaabbatichi qunnamuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.
GIPHY App Key not set. Please check settings