in

Qondaalonni KFO obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Jawaar Mohaammad gareewwan Itoophiyatti wal waraanaa jiraniif waamicha nagaa taasisan. – OMN

[ad_1]

Qondaalonni KFO obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Jawaar Mohaammad gareewwan Itoophiyatti wal waraanaa jiraniif waamicha nagaa taasisan.

 

Mariin Imala Galatoomaa kutaalee Yuunaaytid Steetis garagaraa keessatti adeemsifamaa jiru itti fufuun Siyaatilii fi Poortilaanditti hawaasa wajjiin mari’atani jiru.

Marii kanaanis gaafiilee hawaasa irraa ka’aniifis deebii kennaniiru.

Hooggantoonni Kongirasii Federaalawaa Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad kutaalee Ameerikaa garagaraa keessatti marii hawaasaa daayaaspooraa wajjiin adeemsisaa jiru.

Marii adeemsisaa jiraniinis mootummaa Itoophiyaa fi humnoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin walwaraanaa jiraniif waamicha nagayaa taasisuu irratti argamu.

Marii Siyaatilitti adeemsifameen Itti aanaan dura taa’aa duraa KFO obbo Baqqalaa Garbaa erga hawaasa daayaaspooraa Oromo Siyaatil galateefatanii booda, “biyya keenyaf nagaa hawwinee, nagaa lallabnus, mootummaan kun saba isaa irratti tarkaanfii hidhaa, reebichaa fi biyyaa baasuu bira darbee naannoo biraa irraa humnoota waraanaa itti affeere, saba keenya  ajjeesaa jira” jedhanii jiru.

Dura taa’aa itti aanaa fi itti gaafatamaan damee alaa KFO Jawaar Mohaammad gama isaatiin hawaasa Siyaatil erga galateefatee booda, “dhumaatiiin ummata keenya irra gahaa jiru kana caalaa akka hin hammanneef tarsiimoo qabsoo karaa nagayaatiif qopheessinee waamicha nagaa taasisaa jirra” jedhe.

Marii Poortilaanditti taasifameenis gaafii hawaasa daayaaspooraa Oromoo fi dhalattoota sabootaa fi sablamootaa irraa ka’eef deebii bal’aa kennani jiru.

Poortilaanditti gaafii yeroo isin mana hidhaa turtan qabsoo fi paartiin keessan laafee ture jedhuuf deebii kan kennan obbo Baqqalaa Garbaa, “yeroo ammaa kana paartiin KFO akka Oromoo fakkaatutti caasseefama isaa sirreesinee ijaarre jirra” jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Oromiyaa akkamitti ilaaltu gaafii jedhuuf deebii kan kennan Itti aanaan dura taa’aa duraa KFO obbo Baqqalaan, “Raayyaa Ittisa Biyyaa’s ta’ee Humni Addaa Poolisii Oromiyaa kan ajajamaniin hooggansa siyaasaatini, kan nuti morminuun hooggansa siyaasaa ummata rukuchiisaa jiru saniidha” jechuun deebisanii jiru.

Dura taa’aa itti aanaa fi hoogganaan dhimmi alaa KFO Jawaar Mohaammad “waldhabdeen Itoophiyaa keessa jiru furmaata akka argatuu fi lolli Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatuuf” jechuun waamicha taasisee jira.

Maddi rakkoo waraana Itoophiyaa dhibdee siyaasaa fi sirna abbaa irree ijaaruuf hawwuudha kan jedhe Jawaar Mohaammad, hooggansi siyaasaa hawwii kana galmaan gahuuf loltoota walitti ergee wal faccisiisuu dhiisee walin mari’achuu qaba jechuun dubbatee jira.

Rakkoo Itoophiyaatiif furmaanni waaraan marii siyaasaa qaamota hunda hirmaachiseedha jedhamuun qondaalota kanaan irra deddeebiin dubbatamaa jira. 

 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Lammiileen Itoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum jiran dararaan adda addaa humnoota tikaa biyyattiin isaanirra gahaa jiraachuu himan. – OMN

Egypt, Its TPLF Proxies Are Plotting To Divide and Rule Ethiopia & Sudan | Satenaw: Ethiopian News