in

Qondaalonni ABO mana hidhaa Buraayyuutti argaman, dararaa ulfaataa keessa jiraachuutu himame. – OMN

[ad_1]

Qondaalonni ABO mana hidhaa Buraayyuutti argaman, dararaa ulfaataa keessa jiraachuutu himame.

Addattuu Qondaalota ABO alaanoo keessaa mana hidhichaatti kan argaman namoonni sadii jechuunis Obbo Kennasaa Ayyaanaa, Obbo Gadaa Gabbisaa fi Obbo Mikaa’el Booran dhibee fayyaa cimaaf saaxilamuun, waldhaansa fayyaa dhabanii rakkoo keessa jiraachuutu himame.

Obbo Kennasaa Ayyaanaa tajaajila feeyizooteeraappii hordofaa jiraachuun isaanii yoo himamu, hospitaala ciibsamanii akka yaalamaniif ogeeyyiin fayyaa ajajanis koomishiniin poolisii Oromiyaa hayyama dhowwateera jedhan maddeen.

Dhibeen Obbo Kennasaa mudate yerootii gara yerootti hammaachaa dhufuusaa waliin walqabatee, yeroo ammaa kana socho’uu akka hin dandeenyeefi wiilcheriitiin akka socho’an ta’uutu ibsame.

Dabalataanis Obbo Gadaa Gabbisaa fi Obbo Mikaa’el Booran haala hedduu yaachisaa keessatti argamu jedhame.

Manneen murtii sadarkaa federaalaa fi naannoo yeroo adda addaatti qondaalota kana biliisaan akka hiikaman ajajus, poolisiin utuu hin hiikin waggoota sadiif hidhee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Rights Commission Urges Independent Investigation into Alarming Surge of Enforced Disappearances in Ethiopia | Addis Zeybe

Prominent social commentator, author Asaye Deribe abducted by Ethiopian security forces: Report – Mereja