in

Qondaalli olaanaan ABO Obbo Battee Urgeessaa dhibdeen siyaasaa Oromiyaa qawween furamu hin jiru, qaamni qawwee kaase hunduu gara mariitti dhufuu qaba jedhan.


Qondaalli olaanaan ABO Obbo Battee Urgeessaa dhibdeen siyaasaa Oromiyaa qawween furamu hin jiru, qaamni qawwee kaase hunduu gara mariitti dhufuu qaba jedhan.

 

Mootummaan sochii walabaa dhaabota siyaasaa hundaa ugguree jira kan jedhan Obbo Batteen dhumaatii fi gidiraa uummataa dhaabuuf Mootummaan balbala isaa banachuun mariif haala mijeessuu qaba jedhan.

Haala yeroo irratti Oromiyaa Miidiyaa Network waliin afgaaffii kan taasisan qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgeessaa uummanni Oromoo yeroo hamaa dararaa muummee hin qabneef saaxilamee jira jedhan.

Yakkoonni humnoota lafoo Oromiyaatti bobbaafamanii fi haleellaan qilleensaa dhiitee bariitee Oromoon jumlaan ittiin dhumaa jiru yakka waraanaa ti jedhan Obbo Batteen.

Waraana keessatti uummata nagaa hidhannoo hin qabne, qe’ee fi dhaabbileen uummataa tikfamuu tumaalee idil addunyaatu kaaye kan jedhan qondaalli ABO faallaa kanaa amma Oromiyaa keessatti mootummaan seerota waraanaa sarbuudhaan magaalota, qe’ee hawaasaa, gabaa fi dhaabbilee amantaa irratti humna lafoo fi qilleensaa bobbaasuun lammiilee nagaa Jumlaan fixaa jira malee hidhattoota ykn maandhee isaaniirratti miti kan xiyyeeffate jedhan.

Oromiyaa keessatti lubbuun namaa rakasee, namnis lakkoofsa qofa ta’ee jira kan jedhan Obbo Batteen adeemsi Oromoo duguuguu kun godaannisa hamaa Oromoo gidduutti dhiisee darbuu akka danda’u himan.

Maddi rakkoo Oromiyaadhaa cufamuu dirree siyaasaa ta’uu kan yaadachiisan qondaalli ABO warra qawwee baatee isa falmu qofa osoo hin taane Mootummaan sochii walabaa dhaabota siyaasaa seeran galamaa’aniituu ugguree jira jedhan.

Dhibdeen siyaasaa kamuu qawween hin furamu kan jedhan Obbo Batteen mootummaan balbala isaa banee haal duree tokko malee mariif qophaawuu akka qabu waamicha godhan.

Rakkoon keenya akka dhageettii argatuu fi dhiibbaa uumnu akka sabaatti garaagarummaa keenya keessootti fixannee sagalee tokkoon mootummaa fi hawaasa addunyaatti dubbachuu qabna jedhan Qondaalli ABO Battee Urgeessaa.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Dura taaa’aa itti aanaan KFO obboo Baqqalaa Garbaa haleellaan tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiru qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun Ummaticha gabroomsuuti jedhan.

Ethiopia Appreciates Côte d’Ivoire for Support in UN Human Rights Council –