Qondaalli ABO Mikaa’el Booran hospitaala Poolisii Federaalaa seenuun dhaga’ame.
Miseensi Shanee Gumii Sabaa ABO Mikaa’el Booran mana hidhaa keessatti dhukkubsachuun hospitaala Poolisii Federaalaa seenuun dhaga’ame.
Badii tokko malee mootummaa Bilxiginnaatiin hidhamuun gidirfamaa kan jiran qondaalonni olaanaan ABO kun, dhukkuboota daddarboo garaagaraaf saaxilamuun yaala dhorkamanii jiraachuu yeroo hedduu gabaasaa turreerra.
Guyyaa dheengaddaa qondaalli ABO Mikaa’el Booran dhukkubsachuun hospitaala Poolisii Federaalaa seenanii jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofaa turan himan.
Qondaalonni fi Hoggannoonni ABO mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuu keessatti argaman, yaala dhorkamun haala hamaa keessa kan jiran yoo ta’u qondaalonnii fi hoggaannoonni ABO kanneen akka Abdii Raggaasaa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa fi doktar Gadaa Oljirraas haala hamaa keessa jiraachuutu himame.
Qondaalota ABO gameeyyii kanaaf uummanni Oromoo jabeessee sagalee ta’uufii akka qabutu dhaamame.
GIPHY App Key not set. Please check settings