[ad_1]
Qabsa’aa fi hayyuun Oromoo gameessi Doktar Taaddasaa Eebbaa guyyaa kaleessaa lubbuun darbuun dhaga’ame.
Doktar Taaddasaa Eebbaa bu’ureessitoota ABO gidduudhaa nama jabaa tokko.
Addi Bilisummaa Oromoo lubbuun darbuu Doktar Taaddasaa Eebbaa ilaalchisee ibsa baaseen, hayyuu Oromoo dantaa dhuunfaa dhiisee qabsoo Oromootti makame akkasumas bu’ureessaa fi hooggana olaanaa ABO duranii dhabnee jirra jedhe.
Gara qabsoo Oromootti utuu hin makamin dura, miseensa ABO iccitii kan turan hayyuun Oromoo kun, sirna Dargii keessatti hooggana olaanaa ta’anii osoo jiranii, teessoo muudamaa gad dhiisuun qabsoo Oromootti namoota makaman keessaa nama tokko.
Doktar Taaddasaa Eebbaa waggoota afurtama darbaniif seenaa qabsoo Oromoo keessatti hojiilee gurguddaa kan hojjatan yoo ta’an, hundeeffamuu Waraanaa Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa ture kallattii maratti babal’isuuf akkasumas ijaarsa siyaasa ABO baroota durii keessatti gocha seenaan yaadatu raawwataniiru.
Kitaaba mata dureen isaa ‘Oromiyaa’ jedhu yeroo duraatiif maqaa qalamaa Gadaa Melbaa jedhuun kan barreessan Doktar Taaddasaan, sochii siyaas-dinagdee Oromoo jabeessuuf wixinee adda addaa qopheessanii akkasumas gaafatamaa haajaa ala ABO ta’uun tajaajilaniiru.
Hayyuun Oromoo guddichi kun, hanga gaafa lubbuun darbanitti qabsoo bilisummaa Oromoof gumaachaa turuu isaanii kan addeessu ibsi ABO’n baase, du’aan of biraa isin dhabuutti ni gaddinas jedheera.
Hayyuu fi qabsaa’aan kun dhukkubsatanii yaalamaa erga turanii booda addunyaa kana irraa du’aan boqatan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings