in

Preezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhaqan. – OMN

[ad_1]

Preezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhaqan.

 

Ministirri muummee Abiy Ahmad simannaa godhaniifii jiru.  

Ruutoon haasawa Televishinii France 24 waliin dhiyoo kana tolchaniin Itoophiyaatti nagaan akka bu’u carraaqqii bara bulchiinsa isaaniin duraa eegalame akka itti fufan ibsanii turan. 

Preezidaantii Keeniyaa duraaniis ergamaa addaa dhimma Itoophiyaa fi Rippaablika Demokiraatawaa Koongoo gochuun muudanii jiru.

“Waraanni Itoophiyaa keessaa baay’ee nu yaaddessa. Sababni isaas nuyi ollaadha. Taateen Itoophiyaa keessaa kamuu nun hanqatu. Biyyoonni keenya biyyoota baha Afrikaatti diinagdee guguddaa sochoosani” kan jedhan Ruutoon, kanaafuu rakkoo Itoophiyaa itti hirmaannee fala barbaadu qabna jedhan.

Ruutoon waraanni Itoophiyaa keessaa tooftaa furmaata argatuun irratti ministira muummee Abiy Ahmad,  Preezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiyriil Raamaafoosaa, preezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Taaboo Mbeekii fi Ministra haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Bliinkan dabalatee qondaalota hedduu faana mari’achuullee dubbatanii turan. 

Rakkoon kun gaaddisa gamtaa Afrikaa jalatti fala akka argatus abdii qaban ibsanii turan.

Daawwannaan preezidaant Ruutoo barii mootummaan Federaaalaa fi TPLF waamicha araaraa Gamtaa Afrikaa simatanii Afrikaa Kibbaatti walarguuf beellamataniin  walirra oole.

Ruutoon erga Preezidaantii Keeniyaa ta’anii asitti daawwannaan Itoophiyaa miilanaa kun kan jalqabaa isaaniiti.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Humnoonni Tikaa Mootummaa Artistoota Oromoo adamsanii hidhuu fi dararuu itti fufanii jiraachuun dhagahame. – OMN

Tigray’s largest hospital pleads for urgent provision of diabetes healthcare supplies | Addis Zeybe