in

Poolisiin humna addaafi qaamoleen mootummaa Kaleessa waaree booda aanaa Kiiramuu gad dhiisanii ba’uu isaanii hordofee, humnoonni Faannoo haleellaa jabaa magaalaa Kiiramuu irratti raawwataniin lubbuu namoota hedduu galaafachuun himame.


Poolisiin humna addaafi qaamoleen mootummaa Kaleessa waaree booda aanaa Kiiramuu gad dhiisanii ba’uu isaanii hordofee, humnoonni Faannoo haleellaa jabaa magaalaa Kiiramuu irratti raawwataniin lubbuu namoota hedduu galaafachuun himame.

 

Humnoonni Faannoo haleellaa kanaan Abbaa Seeraa mana murtii aanaa Kiiramuu Obbo Daamxoo Kaffaalaa Gammadaa mana jireenya isaanii keessatti ajjeesuu OMN odeeffateera.

Haleellaa guyyaa kaleessaa raawwate kanaan namoonni hedduun ajjeefamuu maddeen OMN-tti himaniiru.

Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti haleellaa humnootni Faannoo irra deddeebiin raawwataa jiraniin, lubbuun jiraattota nagaa dhibbootaan lakkaa’amanii darbeera.

Haleellaa tibba darbe raawwatame hordofuun humnoonni mootummaa, raayyaa ittisa biyyaafi poolisii humna addaa aanicha seenuun tasgabbii buusanii turan.

Haa ta’u malee guyyaa kaleessaa ajaja olii dhufe jechuun humnoonni mootummaa magaalicha gadi dhiisanii utuu hin turin, humnoonni Faannoo haleellaa guddaa qaqqabsiisaniiru.

Manni Murtii olaanaa Godina Wallagga Bahaa ibsa baaseen, Abbaan seeraa aanaa Kiiramuu Obbo Daamxoo Kaffaalaa Gammadaa mana jireenya ofii keessatti garee Faannoon ajjeefamuu beeksise.

Obbo Daamxoon Abbaa seeraa fayyaalessa hojii isaan fakkeenyummaa qabu kan jedhu Manni murtichaa abbaa ijoollee ta’uu isaanii fi qofaa isaanii  ijoollee haati irraa boqotte guddisaa nama  jiraniidha jedha Manni Murtii Godinaa.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa ammoo ibsa guyyaa har’aa baaseen, balaa tasaatiin du’an jedhe.

Kanaanis yakka Faannootiin raawwatame dhoksuuf yaaleera jedhamuun Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa qeeqamaati jira.

Humnoonni Faannoo aanaa Kiiramuutti tibba darbe mana hidhaa cabsuun hidhamtoota isaanii baafatanii, hidhamtoota Oromoo ammoo rashanuun isaanii ni yaadatama.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: UN hosts Internet Governance Forum in Ethiopia amid criticism over longest running shutdown in Tigray, frequent interruptions in other parts

Ethiopia, South Sudan Sign Collaborate on Education –