Pirezidaantii Keeniyaa ta’anii kan filataman Wiiliyaam Ruutoo uummata biyyattii ija tokkoon akka ilaalan dubbatan.
Dorgommii pirezidaantummaa Biyya Keenyaatiin kaadhimamaan Pirezedaantii Wiliyaam Ruutoo sagalee dhibbeentaa 50.49 argachuun injifachuu koomishiniin filannoo biyyattii beeksiseera.
Morkataa Wiiliyaam Ruutoo kan ta’an Raayilaa Odiingaa sagalee dhibbeentaa 48.85 argatan jedhameera.
Waggoota itti aananiif pirezidaantii biyyattii ta’uuf kan filataman Wiiliyaam Ruutoo haasaa baga gammaddanii deggertoota isaaniif dabarsuun, lammileen Keenyaa marti bara bulchiinsakoo ija tokkoon ilaalamu jedhaniiru.
Namni umurii 55 Wiiliyaam Ruutoo haasaa isaaniin ofduuba ilaaluun hin jiru, fuuldura keenya qofa ilaallaa jechuun dubbatan.
Wiiliyaam Ruutoo filannicha injifachuun ifoomuu booda, deggertoonni Raayilaa Odingaa komii sagaleen hatameera jedhuun mormiif daandiitti ba’aniiru.
Kun kan ta’e miseensonni komishinii filannoo biyyattii baay’inaan afur ta’an bu’aan filannoo ibsamuuf adeemuu dursuun, ibsa miidiyaaf kennaniin firii filannoo kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhannu jechuu isaanii hordofuuni.
Dura taa’aan komishinichaa Waafuulaa Cheebukaatii Ruutoon akka injifatan ibsuu isaanii daqiiqaawwan dursuun, itti-aantuun dura taa’aa komishinichaa Juliyaanaa Chereeraa bakka biraatti ibsa miidiyaaf kennaniin ishee fi komishinaroonni sadii biraan firii filannichaaf beekkamtii akka hin kennine himaniiru.
Komishininiin filannoo Keeniyaa komishinaroota 7 qaba.
Firiin filannichaa ibsamuu booda deeggartoonni Raayilaa Odingaa bakka Kisuumuu jedhamutti hokkara kaasuun daandii guddaarratti abidda qabsiisanii mormii eegalanii jiru.
Raayilaa Odiingaa hanga oduun kun qindaa’etti wawuu hin jenne. Kaadhimamtuu itti aantuun pirezidaantummaa Keeniyaa Maartaa Kaaru’aa gama isaaniin dhimma kana gara mana murtii geessuuuf akka jedhan akeekaniiti jiru.
Akka seera Keeniyaatti kaadhimamaan pirezidaantii firii filannicha irratti komii yoo qabaate torban tokko keessatti mana murtiitti iyyata dhiheeffata.
Poolisii fi qaamoleen nageenyaas dhimmicha tasgabbeessuuf garasitti bobbaafamuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Bu’aan filannoo Keenyaan ifoomsite kun, adeensa diimokiraatawaa wal morkii siyaasaa Afirikaa keessaa isa gaarii jedhamuun miidiyaalee addunyaa biratti jejuu argateera.
GIPHY App Key not set. Please check settings