in

Paartiin Ezema kan ministira Barnootaa Itoophiyaa piroofeesar Birhaanuu Naggaatiin hoogganamu biyyatti keessatti nageenya fiduu fi balaa caalu irraa ummanni akka of ittisuuf mootummaan uummata hidhachiisuu qaba jedhe.

[ad_1]

Paartiin Ezema kan ministira Barnootaa Itoophiyaa piroofeesar Birhaanuu Naggaatiin hoogganamu biyyatti keessatti nageenya fiduu fi balaa caalu irraa ummanni akka of ittisuuf mootummaan uummata hidhachiisuu qaba jedhe.

 

Paartichi kan jedhu uummata Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiru.

Paartichi kana kan jedhe yeroo biyyattii keessatti milishaan Faannoo  ummata nagayaa irratti yakka namoomaa gurguddaa raawwataa jiruttii fi akka hiikkatu gaafatamaa jiruttidha.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaa dhiheenyuma kana mootummaan WBO waliin maryachuu akka hin qabnee fi waraanni Oromiyaa keessatti akka itti fufuu qabu dubbatanii turan.

Jeneraal Assaaminaw Tsiggee bara 2019 yaalii fonqolchaa mootummaa naannichaa irratti raawwatee osoo hin ajjeefamiin dura humna addaa fi faannoo kuma kurnootaan lakkaa’amu ilaalcha babal’ifannaa lafaa fi olaantummaa Amaaraatiin leenjisaa ture.

Faannoon golga Itoophiyaa jalatti naannoo Amaaraa gudditti gama siyaas-dinagdee, hawaasummaa fi lafaatiin ijaaruu ilaalcha jedhuun kan leenji’e yoo ta’u, maqaa nageenya ummata Amaaraa eeguu jedhuun hidhachiifame.

Itti aanaan Ministira mummee fi ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makkonnin, nageenya ummata Amaaraa eeguuf, ummata Amaaraa bakka jirutti ni hidhachiifna jechuun bara 2020 gara jalqabaa irratti kan dubbachuunis waan yaadatamu.

Haaluma kanaan dargaggoota Amaaraa naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz keessa jiraatan leenjisuun hidhachiifamaa ture.

Kallatti Qondaalli olaanaan Biltsiginnaa kuni kaa’e irra dhaabbachuun dhalattooni Amaaraa godinaalee Oromiyaa garaagara jiran hidhachiifaman.

Mootummaan naannoo Oromiyaas Waraana Bilisummaa Oromoo waraanuuf na tumsu jechuun dhalattoota Amaaraa godinaalee Oromiyaa garaagaraa jiran akka hidhachiise ragaaleen mul’isanii jiru.

Kun otoo kanaan jiruu waraanni kaaba Itoophiyaa jaqabame.

Yeroo sana humnoota Tigraay ittiin waraanuuf faannoon heddumminaan leenjifamee meeshaalee waraanaa ammayyaa’oos heddumminaan hidhachiifame.

Humni kun hiree waraanni kaabaa fidettis fayyadamuun hidhannoo jajjaboo biyyattiin qabdu kan hidhate yoo ta’u Bireenii, Matarayyaasii, Dishqaa, isnaayipparii fi kanneen biroo hidhannoo gareen kun hidhateedha.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa qabbanaa’uu hordofee humni waraana kaabaaf leenji’e kun fuula isaa gara Oromiyaa deebifate.

Milishoota Amaaraa naannoo Oromiyaa keessatti duraanii leenji’anii hidhachiifaman waliin ta’uun uummata Oromoo duguuguu jalqaban.

Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti kan ta’aa jiru kanaa jedhu warri itti dhiheenyaan hordofaa jiran.

Garichi golga Itoophiyaa jalatti naannoo Amaaraa guddittii ijaaruuf, Tigraay irraa Walqaayit, Tsagadee fi Raayyaa, Beenishaangul Gumuuz irraa Mattakkaal, Oromiyaa irraa Aanoota Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallaggaa bahaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa kaabaa fudhachuuf waraana banee lolaa jira.

Faannoon hidhannoo mootummaa Federaalaa, kan naannoo Oromiyaa fi mootummaa Naannoo Amaaraa irraa argateen naannoolee ollaa naannoo Amaaraa ta’an irratti waraana banuun dhiiga lammilee nagayaa dhangalaasaa jira.

Yeroo barattoonni Oromoo fi namoonni siyaasaa hedduun Faannoon Oromiyaa keessaa baafamee akka hiikkachiifamu gaafataa jiran kanatti paartiin ministira barnootaa Itoophiyaa piroofeesar Birhaanuu Naggaatiin hoogganamu, nageenya biyyatti keessatti buusuu fi balaa caaluu hambisuuf ummanni hidhachiifamuu qaba jechuun gadi bahe.

Paartichi kan jedhu uummata Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiru.

Ibsa paartii Ezema kana ilaalchiisuun qondaallii olaanaan KFO Jawaar Mohaammad hawaasa nagayaa hidhachiisuu jechuun itti gaafatamummaa kan hin qabnee yoo jedhu amma Itoophiyaa keessatti kan barbaachisu hidhachiisuu osoo hin taane hiikkachisuudha jedhe.

Doktar Milkeessaa Miidhagaa ammoo yaada piroofeesar Birhaanuu Naggaa falmuun xalayaa UNESCOf barreesseen, UNESCOn utubaawwan barnoota afur jechuun barachuu, hojjachuu, waliin jiraachuu fi ta’anii argamuu akka jajjabeessu yaadachiisuun ministirri Barnootaa Itoophiyaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa waliin jiraachuu kan jedhu faalleessuun ummanni akka hidhatuuf waamicha taasise jechuun ibse.

Itoophiyaa keessatti amma kan barbaachisu hidhannoo osoo hin taane waliin jireenya, nagaa, kitaaba, qalamaa osoo ta’ee jiruu hoogganaan barnoota Itoophiyaa kun qawwee gorse jechuun qeeqe.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Kolleejji Albiyoon doktar Milkeessaa Miidhagaa “wanti amma Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru karooraa Oromiyaa diiguu waggoota afran darbaniif Biltsiginnaan karoorsaa tureedha” jedhan.

News: More than 30,000 civilians displaced from violence hit East Wollega districts endure dire humanitarian crisis