in

Oromootni Harargeerraa waggaa 17 dura sababa hongeetiin buqqa’anii Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessa qubsiifamanii turan haleellaa finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin isaanirratti raawwatameen yeroo lammataaf ammas buqqaatiif saaxilamaniiru jedhu maddeen.


Oromootni Harargeerraa waggaa 17 dura sababa hongeetiin buqqa’anii Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessa qubsiifamanii turan haleellaa finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin isaanirratti raawwatameen yeroo lammataaf ammas buqqaatiif saaxilamaniiru jedhu maddeen.

 

Aanaa Amuruu gandoota akka Harar, Harar Sammoofi Harar Jaarsoo jedhaman keessa bufachuun, lafa qonnaa bal’aa irratti rakkoo malee oomishanii jiraachaa kan turan Oromoonni Harargeerraa bara 1996 sababa hongeetiin buqqaafamanii garas dhaqan, waggaa tokkoo as rakkoo ulfaataa keessatti kufnee jirra jedhu.

Gandoota baadiyyaa Aanaa Amuruu humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin qabaman 16 keessaa tokko kan taate, gandi Harar, yeroo ammaa kanatti humnoota finxaaleyyii fi shororkeessitoota kanaan barbadaa’usheefi Oromootni irraa aryatamuutu himama.

Mohammed Aliyyii dargaggeessa waggaa 20 ta’uu himata. 

Waggaa 17 dura daa’ima waggaa 3 ta’eetu maatiisaa waliin gara Godina Horro Guduruu Wallaggaa dhufe. 

Yeroo sana sababa gogiinsi hamaan isaan mudateef, Harargee irraa heddumminaan gara Wallagga akka geeffaman maatii kiyyarraan dhaga’ee jedha Mohammed.

Yaadannoon ijoolummaa kiyyaa hundi, firrikoofi gostikoo hawaasa Aanaa Amuruu natti fakkaataa jedha. 

Sababnisaas kaninni guddateefi barate achuma Aanaa Amuruu ganda Harar Jaarsoo keessatti.

Hawaasa Aanaa Amuruu Oromummaan hunda caalaa waan walitti nu hidhuuf, gammachuufi rakkoo hedduu waliin dabarsine, har’as dabarsaa jirra jedha Mohammed.

Yeroo sababa hongeetiif maatiin keenya garana dhufu, lafa qonnaa bal’aa tolaan nuuf kennanii akka waliin jiraannuuf nu gargaaranii du’a nu oolchan jedha.

Sanuu qabiyyee lafa bal’aa Oromootni Maccaa nuuf kennan kanarratti ganda haaraa hundeessuun maqaa itti moggaafannee keessa jiraachaa turree jedha.

Hawaasni Harargeerraa garas geeffamee qubsiifameefi dhalattootnii bakkichaa jaalala cimaa waliif qabaachuu dubbata.

Haleellaa  shororkeessitootni Faannoo Amaaraa godinichatti bananiin, sababa Oromoo taane qofaaf, dhalattoota achii dabalatee maatiin keenyas buqqaafamaniiru jechuun ibsa.

Mohammed Aliyyii yeroo ammaa kana sababa manni isaaniifi gandi isaanii gubateef, maatiinsaa hundi faca’anii jiraachuu yoo ibsu, “Ummaan kiyyaafi obbolaan kiyya xixiqqaan magaalaa Oborraa mana barumsaa ani itti barachaa ture sadarkaa 2ffaa keessa qubsifamanii jiru” jedha. 

Ofiisaatii sababa haleellaa kanaatiin barnoota kutaa 9-tti adda kutee, roorroo daangaa darbe kana qolachuuf, Waraana Biliisummaa Oromootti dabalamuu murteessee, hiriyootasaa waliin karaa qabachuu dubbata. 

Abbaan isaa Obbo Aliyyiin garuu beela maatiisaa ilaaluu dadhabee, umurii dullumaatiin, magaalaa Naqamtee dhaquun hojii humnaa hojjechaa jiraachuu hima.

Mohammed Aliyyii ammas taanaan maatiisaatiif sodaa qabaachuu ibsee, bakka maatiinsaa buufatanii jiran mana barnootaa keessattis hawaasa Oromoo magaalaa Oborraatu gargaaraa jira jechuun galateeffatee, sababa neetwoorkiin bilbilaa achirraa cufamee jiruuf hafuura maatiisaa erga dhaga’ee tutturuun ammoo daran isa yaaddessuu dubbata.

Bulchiinsi Aanaa Amuruufi qaamoleen nageenyaa magaalaa Oborraa gad dhiisanii ba’uun isaanii ammas sodaaf nu saaxileera jedha dargaggeessi kun.

Abbootiin Warraa Oromoo Harargee waggoota 17 oliif rakkoo tokko malee obbolaasaanii Oromoo Maccaa waliin jiraachaa turan kan jedhan maddi keenya kan biraan garasirraa dubbisne ammoo gaafa rakkoo waliif birmachaa gaafa gammachuus waliin ta’uun waggoonni 17 darbaniiru jedha. 

Weerara lafaafi duula qinda’aa finxaaleyyiin Amaaraa Oromoo irratti banan kanaanis, qe’een Oromoota Harargee barbadeeffamuun, hawaasni hedduun baqaaf saaxilamee, gariin ammoo ajjeefamee jiraachuu ibsa.

Haleellaa Finxaaleyyiin Amaaraa ji’a shan dura ganda Harar Jaarsoofi Harar Sammoo irratti raawwataniin, namoonni 30 ol ajjeefamuufi loon, re’eefi midhaan callaa ammoo saamamuu himuun, namoonni kumaan lakka’aman gandicharraa buqqa’aan, kaan gara Harargeetti baqachuu, kaan ammoo achuma magaalaa Oborraa keessa deggersa hawaasaan qubsiifamuu dubbatu.

Ijoolleen xixiqqoofi maanguddoonni baqachuu hin dandeenye hedduun ajjeefamanii awwaalcha dhabuu dabalatee, Masgiidni guddaan gandicha keessatti argamu, haleellaa humnoota Finxaaleyyiin Amaaraa raawwataniin haleelamuutu himama.

Hawwaniifi daa’imman hedduun mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Cidhattii jedhamu keessa yeroo dheeraaf buufatanii kan turan ta’anis, haleellaan mana barumsaa sanarratti raawwatamuu hordofee ammas yeroo lammaffaaf gara magaalaa Oborraatti baqachuun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa keessa akka qubsiifamantu himama.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

#ASDailyScoop: Bole Airport Customs announce seizing more than 97 kg cocaine from incoming passenger | Satenaw: Ethiopian News

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti Irreechi Malkaa Madda Awaash irreeffatame. – OMN