[ad_1]
Oromoonni biyya Turkiyyee magaalaa Stanbuulii fi naannawa ishee jiraatan ayyaana Irreechaa haala hoo’aan kabajan.
Kabaja ayyaana Irreechaa kanarratti Qeerroo, Qarree fi kutaaleen hawaasaa garaaragaraa baay’inaan irratti hirmaataniiru.
Hirmaattonni ayyaanichaa uffata aadaatiin faayamuun malkaa itti irreeffatan miidhagsaniiru.
Qeerroo fi Qarreen marga jiidhaa qabachuun sirboota aadaatiin dhiichisaa yeroo malkaa bu’an Suur-sagaleen OMN dhaqqabe ni mul’isa.
Irreechi mallattoo tokkummaa Oromooti jedhan warri sirnicha irratti hirmaatan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings