in

Oromoonni Biriitaaniyaa jiraatan waraana Oromoo fi Oromiyaa irratti mootummaa biltsiginnaan labsame balaaleffatan. – OMN


Oromoonni Biriitaaniyaa jiraatan waraana Oromoo fi Oromiyaa irratti mootummaa biltsiginnaan labsame balaaleffatan.

Oromoonni Biriitaaniyaa jiraatan hiriira mormii magaalaa Landanitti bahaniiti jiru.

Mootummwwn biltsiginnaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhee Oromoo fi Oromiyaa irratti waraana erga labsee baatii tokko darbee jira.

Waraanni ji’a tokkotti Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf qabata jedhuun Oromiyaa irratti labsame WBO balleessuu hin dandeenye.

Inumaa humnootiin mootummaa WBO dadhaban dallansuun namoota nagaa ajjeesuu, manneen jiraattotaa gubuu, namoota nagaa hidhaatti guuruu fi qabeenya uummataa saamutti jiru jedhamee uummataan irra deddeebiin himatamaa jira.

Waraana Oromiyaa irratti labsamee namoota nagaa fixaa fi dararaa jiru kana mormuun Oromoonni biyya Biriitaaniyaa jiran magaalaa Landanitti hiriira mormii kan bahan.

Namoonni hiriira mormii bahan kunneen hawaasni addunyaa gochaa suukkaneessaa mootummaan Itoophiyaa naannoo Oromiyaatti lammiilee nagaa irratti raawwataa jiru dhaabsisuu qabaa jedhan.

Gochaa gara jabeenyaatu uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira jedhan hirmaattonni hiriira kanaa.

Hiriira kanaan mootummaa Biriitaaniyaatti waan mootummaan biltsiginnaa Oromoo gochaa jiru himnee jirraa jedhan.

Oromoonni biyya alaa jiraatan uummata Oromoof sagalee ta’uu fi gama danda’ame maraan gargaaru qabnaa jedhan hirmaattonni hiriira Landan.

Mootummaan biltsiginnaa gochaa gara jabeenyaa uummata Oromoo irratti raawwataa jiru saffisaan akka dhaabu hubachiisanii, loltoonni Oromiyaan alaa dhufanii Oromiyaa goolaa jiranis saffisaan bahuu akka qaban ibsaniiru.

Uummanni Oromoo tokkummaa isaa biyya keessaa fi alaa cimsee aggaammii akka sabaatti irratti aggaamame kana qolachuu akka qabus Oromoonni Biriitaaniyaa jiraatan yaamicha dhiheessanniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Terrorist TPLF Attempting to Seize Global Attention by Its False Propaganda of Releasing War Captives | Satenaw: Ethiopian News

Meskerem Aberra & six other journalists arrested since last week