Oromo Global Forum dabalatee dhaabbileen siiviilii fi amantaa 31 Sinodoosii haaraa kan deeggaran ta’uu ibsan.
Dhaabbileen miseensa Oromo Global Forum ta’an kan Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Awustiraaliyaa, Afrikaa fi Eeshiyaa keessa madheefatan ibsa baasaniin sinodoosii haaraa hundeeffame kan deeggaran ta’u ibsan.
Hundeefamuun Sinodoosii haaraa gaafii haqqummaa fi walqixxummaa barootaaf mana amantaa ortodoksii keessatti gaafatamaa ture kan deebisuudha jedha ibsi kun.
Sinoodoosiin duraanii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhibeentaa 85 namoota saba tokko qofaan dhuunfatamuu fi afaan tokko qofaan tajaajila kennaa turuun gaafii afaanii fi nama ofiitiin tajaajilamuu hordoftoota amantichaatiin akka ka’u taasise kan jedhe ibsi Oromo Global Forum, Sinodoosiin haaraan hundeefame kan gaafii kana deebisu ta’u eere.
Baroota dheeraaf hordoftoonni amantichaa Oromiyaa fi ummattoota kibbaa mana amantichaa keessatti afaanii fi aadaan isaanii dhiibamuun akka lammii lammaffatti laallamaa turan kan jedhe ibsichi, dursitoonni mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akka hordoftoota amantichaa sabaa fi sablammoota miidhutti hojjataa turuu isaanii ibse.
Sochii Sinodoosiin haaraa jalqabe kan deeggaranii fi cinaa kan dhaabbatan ta’uu miseensonni Oromo Global Forum ibsani jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings