Oromiyaa bakkeewwan muraasatti qaamoleen mootummaa dargaggoota hiriira mormii irratti hirmaatan ukkaamsuufi butuu akkaan hammeessanis, uummata keenyaaf sagalee ta’uu itti fufnaa jedhan barattoonni.
Hidhaafi reebichi uummata keenyaaf sagalee ta’uurraa duubatti nun deebisuu kan jedhan barattoonni, hanga rakkoo hawaasa keenyaaf furmaatni waarawaa argamutti qabsoon keenyas itti fufaa jechuun OMN-tti himan.
Haleellaa hidhattootni faannoo daangaa ce’uun Oromiyaa keessatti raawwachaa jiran akkasumas haleellaa diroonii mootummmaan lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiru balaaleffachuuf hiriirri mormiis jabaatee itti fufeera.
Sadaasa 6 irraa eegaluun hanga guyyaa har’aatti, guyyaa 5ffaaf hiriirichi Oromiyaa keessatti barattootaa hanga qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachisuutti itti fufee jiraachuu maddeen OMN himaniiru.
Godina Arsii keessatti kan argaman barattoonni mana barumsaa Shaallaa, Naggallee Arsiifi Yuunvarsiitii Riifti Vaalii Shaashemannee hiriira mormii kaleessa adeemsisaniin, duula qinda’aa humnoonni faannoo Oromiyaa irratti banan balaaleffatanii jiru.
Bifuma wal fakkaatuun aanaa Sulultaa bulchiinsa magaalaa Darbaa keessatti hiriirri mormii guddaan kaleessa waaree booda adeemsifamuufi qamaoleen mootummaa barattootarratti dhukaasa banuu OMN odeeffateera.
Shawa Lixaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Calliyaa akkasumas Salaalee bakka gargaagaraa, Baalee, Harargee, Iluu AbbaaBoor, Wallagga, Gujii hanga Jimmaatti walitti fufiinsaan Oromiyaan sagalee mormii dhageessisuu itti fufteetti.
Hiriirri mormii kun bifa tokkummaa qabuun Oromiyaa guutuu keessatti dho’us, humnoonni Bilxiginnaa bakkeewwan muraasatti hiriirtota ukkaamsuufi hidhuu akkaan hammeessaniiru jedhame.
Barattoota Yuunvarsiitii Jimmaa, Miizaan Teeppii, Amboofi Adaamaa hiriira guyyaa dheengaddaa adeemsisan booda ID Card irraa fuudhamuufi namoonni muraasni qaamolee nageenya mootummaa doormii keessaa qabamuu isaanii maddeen himaniiru.
Barattoota Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Naqamtee, Yaaballoofi Shaashemannee dabalatee bakkeewwan hedduutti hidhaaf saaxilamuufi maatiin barattootaa doorsifamaa jiraachuu OMN odeeffateera.
Dhimma kana ilaalchisuun barattootni OMN’f yaada kennan, uummata keenyaaf sagalee ta’urraa hidhaan duubatti nun deebisuu jedhan.
Hanga dhimmi Oromoofi Oromiyaa furmaata waarawaa argatutti, qabsoo keenya itti fufnaas jedhaniiru barattootni.
Barataa Oromoo OMN dubbise kan biraan, abbaafi haati keenya akkasumas uummatni keenya sababa Oromummaa isaanii aarsaa lubbuu utuu kaffalanii, nuti hidhaa sodaannee duubatti hin deebinuu jedhe.
Gaaffiin barattootaa ajjechaafi hidhaan uummata keenyarra akka dhaabbatu gaafachuu waan ta’eef, wanti mormuuf hiriirre nurrattis raawwatamuunsaa, ittuu nu jabeessa malee nun laaffisuu jedhan.
Oromoon mirga uumaan qabu, Oromiyaanis mirga heeraan kennameef amma eegamuufitti, gaaffiifi qabsoon keenya itti fufaa jechuun barattootni himanii jiran.
GIPHY App Key not set. Please check settings