in

Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti humnoonni mootummaa namoota ukkaamsanii asbuutee dhabamsiisaa jiraachuun himame. – OMN


Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti humnoonni mootummaa namoota ukkaamsanii asbuutee dhabamsiisaa jiraachuun himame.

 

Jiraattonni OMNf yaada isaanii kennan, humnoonni mootummaa namoota akkanumaan qabanii yakkoota garaagaraa irratti raawwachuu fi achi buutee dhabamsiisuu itti fufanii jiruu jedhan.

Namoonni asbuuteen isaanii dhabame heddu kan jedhan jiraattonni, mana murtiittis hin dhihaatan, eessa akka jiranillee hin beekamuu jedhu.

Miseensa Paartii KFO kan ta’an Obbo Barreessaa Dabaloo namoota humnoota mootummaan ukkaamfamanii asbuuteen isaanii dhabame keessaa isaan tokko.

Muddee 12 bara 2014 bakka hojii isaanii magaalaa Galaanii humnoota mootummaan erga qabamanii as, eessa buutee isaanii dhabneerra jedhu maatiin.

Obbo Barreessaa Dabaloo humnoota mootummaan butamuun achi buuteen isaanii erga dhabamee ji’ooti 8 lakkaa’amuu himu obboleessi isaanii obbo Damissee Dabaloo turtii bilbilaan OMN waliin taasisaniin.

Obbo Barreessaan abbaa ijoollee 8 wayita ta’an, nama hojii eegumsaa hojjetanii maatii isaanii jiraachisan turan. 

Erga humnoota mootummaatiin butamanii lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaaniillee wallaalleerra jedhu.

Obbo Barreessaan filannoo bara 1997 irratti ummataan filatamanii nama waggaa 5f miseensa Caffee turanidha jedhu obboleessi isaanii kun. 

Ergasii as garuu hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun maatii bulfachuurra darbee hirmaannaan siyaasaa isaanii jabaa hin turre jedhu. 

Badiin isaan hiisisus ta’e, achi buutee dhabamsiisu tokkollee akka hin turres himan. 

Battala isaan dhabamsiifaman irraa eegallee akka maatiitti iyyaafannaa garaagaraa gochaa turre, Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaalutti iyyaafannus falli arganne hin jiru jedhu Obbo Damisseen. 

Jireenyi maatii isaanii galii isaan argatan irratti kan rarra’e akka ture himu obboleessi isaanii. 

Erga isaan humnoota mootummaatiin achi buutee dhabamsiifamanii as maatiinillee rakkoo jabaarra bu’anii jiraachuu himan.

Rakkoon kun kan obboleessa koo qofa mudate osoo hin taane rakkoo gola tokkoon tokkoon ilmaan Oromoo seenaa jirudha kan jedhan obbo Damisseen, ummanni rakkoo kana callisaan walirratti ilaaluu akka hin qabneef dhaamaniiru.

Humnoonni mootummaa namoota bakka hojii isaanii, daandii fi mana jireenyaa isaaniitii akkanumaan qabanii hidhuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun, taatee guyyaa guyyaan dhalattoota Oromoo mudataa jiru ta’uu eeruun hawaasa biraa irra deddeebiin OMN qaqqabu ni agarsiisa. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

የዎላይታ ሕዝብ ዴሞክራሲያዊ ግንባር የዎላይታ ሕዝብ የክልልነት ጥያቄ እንዲመለስ ጠየቀ።

Finance State Minister Holds Discussion with Different Officials, Investors | Satenaw: Ethiopian News