in

OMN miidiyaa Oromoo jabaa bara fi haalli gad hin qabnee fi fayidaa uummataa irraa hin maqne ta’u isaatiin Sabni yoomillee taanaan jabeeffachuu qabaa jedhan Artiistonnii fi Dura taa’onni Hawaasa Oromoo Biyyoota gargaraa.

[ad_1]

OMN miidiyaa Oromoo jabaa bara fi haalli gad hin qabnee fi fayidaa uummataa irraa hin maqne ta’u isaatiin  Sabni yoomillee taanaan jabeeffachuu qabaa jedhan Artiistonnii fi Dura taa’onni Hawaasa Oromoo Biyyoota gargaraa.

 

Otoo OMN hin jiru ta’e dhugaa fi haqni Oromoo sarbamaa jiru dhokatee hafaayyu kan  jedhan warri yaada kennan, OMN gola Oromiyaa mara seenee miidhaa uummata Oromoo irra gahaa jiru addunyaan akka argu taasisaa jiraa jedhan.

OMN bu’aa bayii heddu keessa uummata isaa waliin darbaa jiraachuu eeranii, miidiyaa sabaa kana daran cimsachuu fi tumsuu akka barbaachisu dubbataniiru.

Artist Hayiluu Kitaabaa yaada kenneen OMN erga gaafa hundeeffameetii cichoominaa fi ogummaan uummata isaa waliin dhaabbatee har’a gahee jedhe.

Otoo OMN hin jiru ta’e dararaa fi ajjeechaan biyyattii keessatti uummata Oromoo irratti raawwatamu ukkaamfamee hafa kan jedhe Artist Hayiluun, uummani miidiyaa isaa kan haala hamtuu keessatti isa waliin dhaabbatu kana jabeeffachuu qabaa jedhe.

Biyya Turkiyyee magaalaa Istaambulitti dura taa’aan hawaasa Oromoo Hasan Umar gama isaatiin OMN bu’aa bayii hunda keessatti uummata Oromoo waliin dhaabbachuun aantummaa uummataaf qabu kan agarsiise akka ta’e himeeti jira.

Kanaadaa magaalaa Kaalgaariitti dura taa’aan hawaasa Oromoo obboo Robeeraa Ofga’aa immoo OMN hojii caalatti fooyya’aa hojjachuun uummata isaatiif akka sagalee ta’ee itti fufu tumsi keenya akkaan murteessaa dha jedhe.

Tumsi OMNf taasifamu tumsa sagalee uummata biyya keessatti dararamuuf taasifamu akka ta’e ibsee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: “No country should accept the presence of foreign country on its land”: Obasanjo

News: Southern region puts Gurage zone under indefinite command post after protests over statehood demands