in

Odaa Bultumitti namoonni nagaan humnoota mootummaan ajjeefamuun dhagahame. – OMN

[ad_1]

Odaa Bultumitti namoonni nagaan humnoota mootummaan ajjeefamuun dhagahame.

 

Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumitti waraanni mootummaa namoota nagayaa 3 ajjeesuu jiraattonni himan.

Duulli opereeshinii farra riphee lolaatiin bobbaafame qabata WBO wajjiin hidhata qabdu jedhuun namoota nagayaa ajjeesaa jiraachuu odeeffanne.

Waraanni mootummaa guyyaa kaleessaa ganama bariisaa jiraattota nagayaa kan mana isaanii keessa rafaa jiran fixe jedhan.

Namoota maqaan isaanii Jawaar Aliyyii Ibraahim, Mommad Zakkoo fi Ibsaa Ibraahim Abdullaa jedhaman rasaasa itti roobsun lubbuu isaanii dabarsuudha jiraattonni kan himan.

Namoonni kun Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum araddaa Miidhayduu jedhamtutti ajjeefaman.

Jiraattonni odeessa kana nuuf qoodan namoota ajjeefaman kana erga awwaallatanii booda gadda isaanii taa’uu irraa waraana mootummaatiin akka ittifanis himaniiru.

Ajjeechaan kunis kan raawwatame erga WBOn aanaa Odaa Bultumitti loltoota sirnichaa irratti tarkaanfii fudhatee boodadha jedhu jiraattonni.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Google Translate added Afan Oromo & Tigrigna to its service

PM Reviews Construction of Abbay Bridge, Awards Federal Security Forces & Institutions