[ad_1]
Namoonni ijaan argan naannicha turan OMNf yaada isaanii kennan, amantoonni dogoggora wayiituu hin raawwannee jedhan.
Bakkuma rakkoon hin turretti humnoonni nageenyaa gara tarkaanfii fudhachuutti akka seenan namoonni ijaan argan dubbatan.
Kanaanis miidhaan amantoota irra gahuu eeranii, namoonni du’an jiraachuullee himaniiru.
Kana malees namoonni hedduun miidhamuu dubbataniiru.
Namoonni yaada kennan naannawaa mazgiida Aniwaar qofaatti namoonni 4 du’uu himan.
Namoonni rasaasaa humnoota mootummaan rukutamuun kararratti kufani mul’ataa akka turanis dubbataniiru.
Dhukaasaan booda hordoftootni amantichaa qabata poolisii irratti dhagaa darbachaa turan jedhamuun poolisoonni mana namaa irra deemuun bakka dhokatanii baasuun reebaa fi hidhaa akka turan odeeffannoowwan bahan mul’isaniiti jiru.
Gamtaan waloo nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaa ibsa baaseen immoo naannoo Masjiida Aniwaaritti rakkoo mudateen lubbuun namoota sadii darbuufi namoota muraasa irra miidhaan gahuu beeksise.
Poolisootaafi hooggantoota boba’an 63 irra miidhaan xiqqaa fi guddaan gaheeraas jedhe gamtaan Waloo nageenyaa.
Tarkaanfiin naannawaa masjiida Aniwaaritti humnoota nageenyaan fudhatame uummata biratti dallansuu guddaa uumeeti jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings