in

Naannoon Oromiyaa naannoo tasgabbiin irraa fagaate ta’ee itti fufeera jedhame. – OMN


Naannoon Oromiyaa naannoo tasgabbiin irraa fagaate ta’ee itti fufeera jedhame.

 

Torbaanota lamaan darbanitti lolli 11 Oromiyaa keessa turuu gabaafame.

Torbaan lamaan darbetti walitti bu’iinsi 24 Itoophiyaa keessatti galmaawuu kan eeru gabaasni Armed conflict locations and events data (ACLED) walitti bu’iinsa kanaan namoonni 99 lubbuun darbee jira jedhe. 

Kanneen keessaa 70n lammiilee nagaa ta’uu eere.

Kaaba Itoophiyaatti ammallee  tasgabbii fooyya’aan jira jedhame.

Taateewwan waytaawoo walitti bu’iinsaa fi iddoowwan isaanii gabaasun kan beekamu Armed conflict location and data event (ACLED) gabaasa baasen Kaabni Itoophiyaa torbaanota dhiyoo as haala armaan dura turerraa tasgabbii irraa wayyaa qabaachuu ibse.

Gareen wal waraanan, mootummaan Itoophiyaa fi humnoonji Tigraay erga Waliigaltee nagaa buusuu mallatteessanii as waliigaltee isaanii hojiitti hiikuuf karoora bafatanii hojii eegalanii jiru. 

Hidhannoo hiikkachuu fi loltoota gara qe’eetti dachaasuu dabalatee adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltee isaanii Gamtaan Afrikaa jala bu’ee akka hordofuu fi mirkaneessu waliigalteerra gahanii jiru.

Waliigaltee nagaa mallattaaye irratti yaaddoon tokko tokko gama humnoota Tigraay ka’aa turullee adeemsi deemamaa jiru gara oofkaluutti deemaa jira. 

Jilli ergamaa addaa gaanfa Afrikaa Preezdaantii duraanii Naayijeeriyaa Oliisegun Obaasaanjoon durfamu kaleessa Maqalee dhaquun qondaalota Tigraay dubbisuun yaaddoowwan jiran irratti mari’atanii jiru. Waayee humnoota alaa, mootummaa Eertiriyaa yaaddoon tokko akka isaan seenuu hin qabne hubachiisanii jiru Obaasaanjoon. 

Humni alaa sababni biyya biraa keessa turuuf tokkollee hin jiraatu. Kun tasuma gufuu adeemsa araaraas ta’uu hin qabu jechuun dubbatanii jiru Maqaleetti. 

Naaannoo Tigraayitti konkolaattotni gargaarsaa cehaa jiru.  Mootummaan Itoophiyaa bu’uuraalee misoomaa addaan citanii turan bakkatti deebisuuf suphaa eegalee jira.

Namoonni buqqa’an kuma 100’n naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti gara qe’eetti deebi’aa jiru. Walumaagalatti kaabni Itoophiyaa kan durii caalaa nagaa fooyyee qabu argaa jira.

Yeroo ammaa garuu hundaa ol naannoon tasgabbii hin qabne naannoo Oromiyaati akka gabaasa ACLED kanatti. 

Naannichatti Sadaasa 12-18 ALA’tti walwaraaansi 11 galmaayeera. Kanneen keessaa 10 lola hidhattoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu ture dha. Salaale aanaa Dharraa magaalaan Gundoomasqal fi gandi Daayii, Gujii Lixaatti aanaaleen Dugda Daawwaa fi Surroo Baarguddaa, Shawaa Bahaatti aanaan Fantaallee, Wallagga Bahaatti aanaan Waamaa Haagaloo, Shawaaa Lixaatti naannoon Waddeessaa fi Wallagga Lixaa Beegiin  bakkeewwan lolli hidhattoota mootummaa fi WBO gidduu itti ture dha. Wallagga Lixaa aanaa Kiiramuutti hidhattoota milishaa fi  Faannoo Amaaraa fi qaaamolee nageenyaa mootummaa gidduu lola tureen namoota nagaa dabalatee  20 ol dhumanii jiru akka gabaasa kanaatti. Haleellaa qilleensaa aanaa Dharraa fi Cobiitti raawwatameen namoonni nagaa 40 ol ajjeefaman jedhe. 

Torbaanuma san keessa WBO’n gama kibbaan godina Gujii aanaalee akka Gumii Eldalloo,  Liiban, Gooroo Doolaa, Waadaraa, Sabbaa boruu fi Adoolaa Reeddee, Gujii Lixaatti immoo aanaa Malkaa Sooddaa, Booranatti aanaa Areeroo dabalatee bakka baay’ee  toa’tee ture. 

Oromiyaa keessatti haleellaan lammiilee nagaa irratti raawwatamu hammaatee jira. Haleellaawwan 8 kan namoota nagaa irratti xiyyeeffatan galmaayanii jiru. 

Naannoo Amaaraatti torban  san keessa Godina  Gondar Lixaatti haleellaa hidhattoonni Qimaant konkolaataa deddeebisa uummataa irratti banuun namoota 15 ukkaamsanii fuudhanii jiru jedhe gabaasichi.

Naannoo sabootaa fi sablammoota Kibbaa godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti mormii uummataa tureen hidhattoonni mootummaa dhukaasanii jiru. Miiidhamni dhaqqabe garuu hin jiru jedhameera akka gabaasa kanaatti.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

President Sahlework Launches Int’l White Ribbon Day Campaign –

News: Lawmakers fiercely oppose TV license fee, as state broadcaster doubles fee in revised bill