Naannoon Oromiyaa kutaalee biyyattii kan birootii ol hunkurama keessa jiraachuu taateewwan walitti bu’insaa fi iddoowwan isaanii gabaasuun kan beekamu Armed Conflict Location and Data Event (ACLED )n gabaase.
Sadaasa 5 – 11 walitti bu’iinsi 23 galmaaye, Namoonni 93 du’anii jiru, Torban san keessa kaaba Itoophiyaatti walitti bu’iinsi tokkollee hin galmoofne jedha ACLED’n.
Taatewwan walitti bu’iinsaa torbee tokko duraa jechuunis, Sadaasa 5 – 11, ACLED baase akka agarsiisanitti Oromiyaa keessa naannoo kamuu caalaa tasgabbiin dhabamee jira.
Karaa biraa immoo kaaba Itoophiyaatti taateen walitti bu’iinsaa tokkollee hin galmoofne. Kun milkii waliigaltee araaraa ta’uu danda’a jedha.
Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsi olaaanaan galmaayee jira. Lolli guguddaan hidhattoota WBO fi mootummaa gidduutti turee jira kan jedhu ACLED Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalota lixa Oromiyaa baay’ee keessatti haleellaa raawwachuu hima.
Naqamtee keessa lola tureen hidhattoota waraanichaa keessaa sadi yoo ajjeefaman, namoonni nagaa 3’s ajjeefamuu gabaase. Hidhattoonni mootummaa ammaaf lakkoofsi isaanii hin baramne baay’eenis ajjeefaman jedha. Namoonni nagaa baay’eenis madaawan. 120 kan ta’anis mana hidhaatii bahanii jiru. Waraanni Bilisummaa Oromoo Qondaalota mootummaa baay’ees ukkaamsuu hima gabaasi kun.
Hidhattoonni WBO kan yeroo kamuu caalaa mootummaadhaan wal dura dhaabbatanii lolaa jiru akka gabaasa kanaatti. Waraanichi torban sadan achi aanan keessatti aanaalee Wallaggi Bahaa qabdu 21 keessaa 11 to’achuu ni hima gabaasni kun.
Akka bulchaa itti aanaan Ganda Tolee Gaazexaa Rippoortaritti himetti hidhattoonni WBO gandoota aanaa Gimbii 32 hunda sadarkaa jedhamutti to’atanii jiran.
Kun kanaan osoo jiruu haleellaawwan qilleensaa Oromiyaa keessatti itti fufee jira. Haleellaa qilleensaa magaalaa Mandiitti raawwatameen jedha maddi kun, yoo xinnaate namoota nagaa 16 dabalatee namoonni 18 ajjeefaman.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo karaa godina Asoosaa magaalaa Naqamteen wal qunnamsiisu cufanii turuus yaadachiisa. Kun lixa biyyattiitti qaalayiinsa jireenyaa hammeessaa jira jedhe.
Oromiyaa keessatti sababa wal waraansa deemaa jiruu saaxilamummaan lammiilee nagaa akka malee dabalee jira.
Shawaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti garee hidhate kan eenyummaan isaa hin beekamnee fi hidhattoota Amaaaraatiin haleellaan raawwachuu gabaasee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa namoota nagaa irratti raawwatameen kan himatamu ta’us waraanichi namoota nagaa akka hin haleellee dubbata jedha ACLED.
Angawoonni mootummaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatu hidhachiisanii bobaasaniiru. Garee kanatu nama saama, nama ajjeesa jechuun himata isarratti deemu mormata jedha.
Sadaasa jalqabarra Oromiyaan ala naannoo Gaambeellaatti walitti bu’iiinsi turee jira. Hidhattoota Murillee Sudaan Kibbaarraa as cehaniin Naannoo Gambeellaatti haleellaan raawwatame. Godina Anyuwaak aanaa Diimaa ganda Baandeeraatti haleelaa riphee loltootaan Poolisii humna addaa Gaambeellaa irratti banameen ajajaa poolisii aanichaa dabalatee miseensonni poolisii 2 yoo ajjeefaman kan biraa tokko madaaye. Haleellaa san durammoo hidhattoonni haleellaan konkolaataa imaltootaa dhaabsisuuf banan fashalee ture. Poolisoonni kunneen immoo kan dhuman garee riphee lolaa gocha kana raawwate osoo adamsaniiyi jedham.
Taateen kan biraa walitti bu’iinsa daangaa naannolee Somaalee fi Affaari. Naannoo Somaalee Godina Sitti jedhamutti haleellaan ture namoota nagaa 18 galaafate.
ACLED akka jedhutti walumatti Sadaasa 5 – 11 walitti bu’iinsi 23 galmaaye. Namoonni dhuman 93. Kanneen keessaa 43 namoota nagaati.
GIPHY App Key not set. Please check settings