in

Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxee Ganda Giipootti waraanaa mootummaatiin dargaggoo Taakkalaa Mangashaa Dhugumaa jedhamu ajjeefamuu maatiin himan.

[ad_1]

Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxee Ganda Giipootti waraanaa mootummaatiin dargaggoo Taakkalaa Mangashaa Dhugumaa jedhamu ajjeefamuu maatiin himan.

Taakkala Mangashaa waraana mootummaa sakatta’iinsa Waraana Bilisumma Oromoo jedhuun bobba’een ajjeefamuu dubbatan.

Tibbana ajjeechaan sukaneessaan humnoota mootummaatiin wayita raawwatamu viidiyoon mul’isu marsaa hawaasummaa irra naanna’aa ture.

Namoota viidiyoo waraabamaa humnoota mootummaan ajjeefaman keessaa tokko dargaggoo Taakkalaa Mangashaa Dhugumaati.

Ajjeechaan kun kan itti raawwatame Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Giipoo jedhamutti jedha miiseensi maatii dargaggoo ajjeefamee.

Dargaggoon kun aanaa Dibaaxee ganda Caancoo keessatti qabamuun waajjira poolisii Gaalessa jedhamutti guyyaa lamaaf erga hidhamee booda mana hidhaa idileetti si geessina jedhanii fuudhanii deemuu miseensi maatii OMNtti hime.

Mana hidhaa otoo hin taane bosona Giipoo jedhamu geessanii achi keessatti raasaasaan tumanii ajjeesan jechuun dubbate.

Miseensi maatii dargaggoo ajjeefamee haala taateen kun ittiin raawwate yoo ibsu humni waloo Ximmir Xoor jedhamu kan humna addaa Amaaraa, Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyyaa of keessaa qabu sakatta’iinsaaf aanaa Dibaaxee ganda Caancoo keessa socha’u hima.

Humni waraanaa sakatta’iinsaaf bobbaa’e abbaa dargaggoo ajjeefamee obbo Mangashaa Dhugumaa bakka isaan loon tiksanii qabuun Waraana Bilisummaa Oromoo isintu soora jechuun  hidhan jedha.

Obbo Mangashaan Manguddoo ganna 80 oli akka ta’an miiseensi maatii kun OMNtti kan hime yoo ta’u, waraanni mootummaa maangudicha buna keessatti hidhee dararaa oole jedha.

Taakkalaan hidhamuu abbaa isaa akkuma dhagaheen bakka abbaan isaa itti hidhaman dhaqee abbaa koo maaf hiitan jedhee yoo gaafatu kan barbaadamu si’i jechuun qabanii akka hidhan dubbata.

Dargaggeessi kun reebichaa fi dararaa hamaa booda waajjira poolisii Gaalessaa keessaa mana hidhaa si geessina jedhanii bosona ganda Giipoo keessatti ajjeesuu isaanii hima.

Erga ajjeesani booda reeffi isaa akka hin kaafamne godhamuun guyyaa lama ala bulee jedha.

Maatiin dargaggoo kanaa gadda ilma isaaniis akka hin teenye taasifamuu kan himu maddi OMN, reeffi ilma isaanii awwalamuu dhoowwamani guyyaa lama booda namoota birootiin ganda biroo keessatti awwalamuu himu.

Maatiin dargaggeessa kanaa dorsiisaa fi hidhamaa akka jiranis maddi keenya kun itti dabaluun himee jira.

Humnoonni mootummaa yeroo adda addaatti ajjeechaa bifa kanaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatanii jiru.

Namni biraa isa waliin ajjeefame Habtaamuu Ayyaanaa akka jedhamu OMN odeeffate.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Godina Shawaa Lixaatti caccabuu daandii Abunaa Gindabaratiin hawaasni rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan. – OMN

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kiiramuutti gama tokkoon humnoonni Amaaraa babal’ifannaa lafaaf bobba’an gama biraatiin humnoonni mootummaa WBO adamsina jechuun uummata hiraarsaa jiraachuun dhagahame.