in

Murtiin daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee murtaa’e bu’uura seeraa kan hin qabne, qaamolee qooda fudhattootaa kan hin hirmaachifnee fi rakkoo bu’uuraa kan hin furre ta’uun ibsame.

[ad_1]

Murtiin daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee murtaa’e bu’uura seeraa kan hin qabne, qaamolee qooda fudhattootaa kan hin hirmaachifnee fi rakkoo bu’uuraa kan hin furre ta’uun ibsame.

 

Addis Standard dhimma kana ilaalchisuun hayyootaa seeraa fi bakka bu’oota paartilee siyaasaa wabeeffachuun xinxaala bal’aa barreesseen, adeemsa iftoomina hin qabne akka ta’ee fi rakkoo kan hammeessu ta’uu akeeke.

Yaadni kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhimmicha ilaalchisuun Facebook irratti Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barreessanis kan wal dhahu ta’uu barruu isaanii eeree barreesseeti jira.

Akka gabaasichi jedhutti, bal’inni magaalaa Finfinnee bara 1984 keessa naannawaa Iskuweer kiiloo meetirii 222 kan ture yoo ta’u, waggaa 10 booda bara 1994 dachaa lamaa oliin dabaluun gara iskuweer kiiloo meetirii 530tti akka ol guddate hima. 

Daangaan bulchiinsaa kan magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee bara 1994 as ammoo dachaa waggoota kurnan bara mootumma cee’usaa booda turanii akka dabale ragaalee argaman ni mullisu.

Addis Standard waggoota saddeet dura bara 2014 mormii guddaa uummata Oromootiin guutummaa biyyattii keessatti dho’eef, sababni jalqabaa dhimma Maastarpilaanii Finfinnee ture jedha.

Qabsoon barattoota Yuunvarsitiifi sadarkaa gadaanaa Oromiyaa keessa jiran hunda hirmaachise waggoota afur oliif walitti fufiinsaan geggeeffamuun, jijjiirama siyaasa biyyattiif sababa ta’ee akka ture ibsuun, Muummeen Ministeera Itoophiyaa duraanii Obbo Haayilanaariyaam Dassaaleny akka aangoo gad dhiisaniif dhiibbaa guddaa kan taasise, qabsoo sababa Finfinneetiin eegale ture jedha. 

Haa ta’uu malee mootummaan amma gara aangootti dhufe gaaffii uummata Oromootiin teessoo kan argate ta’us, dhimma daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee gidduu jiruu cabsuun bara 2019tti lafa Oromiyaarratti kan ijaarame manneen jireenya waliinii Kooyyee Faccee abbootii carraaf kennuunsaa agarsiiftuu kan biraa akka ture akeeka.

Ergasii mormiin uummata Oromoo dhimma Finfinneerratti marsaa lammaffaaf dho’ee akka ture kan yaadachiisu gabaasni Addis standard kun, mootummaan battaluma koree dhimmicha furu jechuun mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa akkasumas bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa kan walitti dhufan nama saddeet koree taasisuun hundeessee akka ture yaadachiisa.

Koree namoota saddeet qabu keessaa gama mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinneetin Ministira Nageenyaa yeroo sanaa Mufariyaat Kaamil; Kantiibaa Itti aanaa Finfinnee yeroo sanaa Taakkalaa Uumaa; Qindeessaa kilaastara hawaasummaa Finfinnee yeroo sanaa Indaawwaq Abbixee; Qindeessaa kilaastara diinagdee Finfinnee yeroo sanaa doktar Solomoon Kidaanee fi Tasfaayee Beeljigee yoo ta’an, gama Oromiyaa irraa Pirezdaantii itti aantuu Oromiyaa yerosii Aadde Xayibaa Hasan; qindeessaa kilaastara misooma magaalaa Oromiyaa yeroo sanaa Obbo Ahmad Tusaa fi qindeessaa kilaastara misooma baadiyyaa Oromiyaa doktar Girmaa Amantee akka turanillee Addis Standard ibseera 

Haa ta’u malee murtee tibba kana gabaafame keessatti qoodni koree jedhaman kanaa jiraachuufi jiraachuu dhabuu wanti ibsame akka hin jirreefi miseensota koree kanaa keessaa namootni sadii qofti hojii idileerra akka jiran gabaasichi ibseera.

Dabalataanis koreen kun hundeeffamuun bara 2019 yoo ta’u, Aadde Adaanech garuu, bu’aan qorannoo kanaa kan koree waggaa torbaaf hojiirra tureeti jechuun isaanii koree warra bara 2019 uummataaf ibsamaniin alatti, koreen dhoksaa jiraachuusaa akka agarsiisu shakkii kaa’ee darbeera.

Addis Standard yaada Ogeessota seeraafi qondaalota paartilee moorkattootaa gabaasicha keessatti kan hammachiise yoo ta’u, murteen dhimma daangaa Finfinneefi bulchiinsa godina Addaa naannawa Finfinnee ilaalchisee darbe kun akka jedhame sanatti, gaaffii uummataaf deebii bu’uraa kan ta’us miti jedheera.

Aadde Adaanech Abeebee murtii darbe ilaalchisun, “guyyaa murteen kun itti darbe guyyaa seena qabeessaafi guyyaa addaati” jechuun ibsanis, barreeffamni isaanii Afaan Oromoo fi Amaariffaan barreessan qabiyyeewwan adda addaa of keessatti kan hammatan ta’uus ibsa.

Afaan Amaaraatiin, “daangaan Finfinneefi Oromiyaa sararameera” jechuun isaanii kan ibsu Addis standard, Afaan Oromoo keessatti ammoo “jiraattota gidduutti dallaa hin ijaarru” jechuun ergaa garaa garaa dabarsuun barreeffama wal faallessu barreessuu isaanii yaadachiisa. 

Qabiyyeen barreeffama Aadde Adaanech Abeebee afaan Amaaraatiin barreessan, gaaffii uummatni Oromoo Finfinneerraa qabuuf sodaa ta’uu akeekuun, Finfinnee magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaati osoo jedhamtuu akkamiin daangaan Oromiyaa fi Finfinnee gidduutti sararamuusaa kantiibaan barreessaan gaaffii jedhu akka hordofsiises ibseera.

Yaada Ogeeyyii seeraafi qondaalota paartilee moorkattootaa kan of keessatti hammate gabaasichi, murteen dhimma daangaa Finfinneefi bulchiinsa godina Addaa naannawa Finfinnee ilaalchisee darbe kun akka jedhame sanatti, gaaffii uummataaf deebii bu’uraa kan ta’us miti jedha.

Adeemsa daangeessu kun ija ogeessa seeraatin yeroo ilaalamutti, akkaataa heera mootummaa biyyattiitin Itoophiyaan ida’ama waliigalaa naannolee biyyattii waan taateef, Finfinneen ammoo handhuura Oromiyaa keessa jiraachu isheerraa kan ka’e qaama Itoophiyaa ta’ufillee dursa qaama Oromiyaa ta’uu qabdi waan ta’eef, daangaa bulchiinsaa malee daangaan qabiyyee Oromiyaa fi Finfinnee gidduu jiraachuun sirrii akka hin taane ibsa.

Mormiin uummata Oromoo karoora Maaster pilaanii Finfinnee irratti ka’ee ture, ka’umsa jijjiirama siyaasaa Itiyoophiyaaf sababa ta’ee osoo jiruu, murtee ifa hin taaneen, qabiyyee lafa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee muranii Finfinneetti kennuun, kan Finfinneen humnaan daangaa darbee qabaterraa muraasa deebisuun, uummatatti qoosuu akka ta’es, Addis standard qondaalota paartilee moorkattootaa dubbisuun ibsee jira.

Ammas taanaan gaaffii bu’uraa Oromoon Finfinneerraa qabu, Finfinnee akka qabiyye lafa bulchiinsa biraatti akka ilaalamtuuf osoo hin taane, misoomni magaalittiifi baballinnishee Oromiyaa jalatti ta’uun, qonnaan bultootaa Oromoo fi hawaaasa Oromoo magaalittii keessatti haa hammattu kan jedhu waan ta’eef, lafa daangessuun inumaayuu qonnaan bultoota ammas magaalaarraa dhiibuudha jechuun yaada ogeeyyii seeraa gabaaseeti jira.

Gabaasni bal’aa kun, dhimmoota Finfinneen wal qabatanii ka’aan hedduu kan hammaate yoo ta’u, seenaa qabsoo Oromoo waggoota afur dura turaniifi gaaffilee uummataa ammallee deebii hin argatin jiraniis of keessatti hammateera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

TPLF Breaks the Unilateral Humanitarian Truce – Government –

TPLF Breaks the Unilateral Humanitarian Truce – Government – | Satenaw: Ethiopian News