Murteen Yaa’ii Sinodoosii Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin darbe, waliigaltee kanaan dura gahame kan diiguu fi Gaaffii Uummataa deebisuuf kan hin dandeenye waan taheef hin simannu jedhan Kutaaleen Lallabaa garaagaraa Oromiyaa.
Bu’uura waliigaltee kanaan duraatiin, Yaa’ii Sinodoosii torbanoota lamaan darbaniif taa’amaa tureen, muudamni Phaaphaasotaa Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiitiin raawwatamee ture mirkanaa’ee, Murtoowwaan dabalataa gaaffii uummataa deebisuuf dandeessisan ni darbu jedhamee eegamaa turus, Yaa’icha irratti waliigalteerra gahamuu hin dandeenye.
Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa muudama Phaaphaasota 26 raawwatame simachuu diduun, Oromiyaaf Phaaphaasoti 7 qofti akka muudaman murteessuu odeessi arganne ni mul’isa.
Murtoon kun rakkoo duraan ture furuufis tahe gaaffii Uummataa deebisuuf gahaa miti kan jedhan Kutaaleen Lallabaa Wallagga Lixaa, Shawaa Lixaa, Qellem Wallaggaa, Shawaa Bahaa, Buunnoo Beddellee fi Jimmaa fi Arsii Murtoo Sinodoosichaa kan hin simanne tahuu ibsuun, Phaaphaasoti kana dura Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiitiin muudamaniif hatattamaan gara bakka itti ramadamaniitti imaluun hojii isaanii akka eegalan gaafataniiru.
Yaa’iin Sinodoosii Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Gaaffilee Hordoftoota Amantichaa Oromiyaa, Tigiraayii fi Sabaaf Sablammoota biyyattii biroo irraa dhagahamaa turan irratti mari’atee furmaata laata jedhamee eegamaa ture, murtoo gaaffii uummataa deebisuuf hin dandeenyeen xumuramuu hordofee Kutaalee Lallabaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa keessatti argaman irraa mormiin cimaan dhagahamaa jira.
Keessumaa muudama Phaaphaasotaan walqabatee, muudama Phaaphaasota 26 Sinodoosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii kana dura raawwate ni mirkaneessa jedhamee eegamaa kan ture Yaa’iin Sinodoosichaa, Oromiyaaf Phaaphaasonni 7 qofti akka muudaman murteessuu hordofee mormiin jabaan isa mudataa kan jiru Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa, rakkoolee jiraniif furmaata sirrii kaa’uu dadhabuun Bataskaanni Tigiraayillee Phaaphaasota mataashee akka muuddattuuf karaa banaa jira.
Murtoowwan Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa dabarse Murtoo haqaa waan hin taaneef fudhatama hin qaban kan jedhe kutaan Lallabaa Wallagga Lixaa, Murtoo Sinoodoosichaa kan hin simanne tahuu ibsa baaseen beeksiseera.
Murtoo kanaan Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksii waliigaltee kanaan dura gahame diigeera, Qabxiileen 4ffaa fi 6ffaan cabaniiru kan jedhe Kutaan Lallabaa Wallagga Lixaa, Waan ta’eef Phaaphaasonni kana dura Sinodoosii Sabaaf Sablammiin muudaman hatattamaan gara bakka itti ramadamaniitti imaluun gara hojiitti akka seenan gaafateera.
Amantoonni Godina Buunnoo Beddellee gama isaaniin Ibsa baasaniin, Tokkummmaa mana Amantaaf jecha Waliigaltee Muummicha Ministeeraa Biratti Taasifame akka raawwatuuf Murtee Sinoodoosii Itiyoophiyaa eegaa turreerra; Garuu Sinoodoosiin kun Saba tokkoon haguugamee haqa dhiisee Murtee Shiraan xaxame Waan Murteesseef Murtee Afuura Qulqulluutiin gaggeeffamedha jechuu hin dandeenyu jedhe.
Kanaafuu, Jaalalaa fi Yaada Afuura Qulqulluudhaan Jiraachuu Barbaadna Waan ta’eef Paatiraarikiin Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf sablammoota Itiyoophiyaa akka nuuf Muudamu gaafachuuf dirqamna; Ammaan Booda Kan Bullu Mana Lubummaa Oromiyaa ykn Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammoota Itiyoophiyaadhaan Malee Qaama kamiifiyyuu kan hin bulle ta’uu mirkaneessina jedhan.
Kana booda, Oromiyaarratti Abboota Afaan, Aadaafi Sona Uummatichaa hin beekne erguun, faallaa mirga ummatichaa dhaabbachuu hin danda’amu kan jedhe Kutaan Lallabaa Shawaa Lixaa gama isaatiin, Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin kan muudamaniif Abbaa Ewustaaxiyoos (PhD) ariitiidhan gara keenya dhufuun hojii isaanii itti haa fufanii jedhe.
Koreen Qindeessituu kutaa Lallabaa Jimmaa gama isaatiin, rakkoon muudama Phaaphaasotaan walqabatee mudatee ture yaa’ii kanaan fala argata jedhamee, Uummanni keenya abdiin eegaa tureera jedhe.
Haa ta’u malee, Sinoodoosin Itoophiyaa yaa’ii taa’een gaaffii uummataaf deebii malu kennuurra fedhii abboota muraasaatiin dantaa uummata keenyaa sharafeera jedhe.
“Murteen kun waliigaltee abboota keenya sadan Eebbifamoo Abbaa Saawuroos, Abbaa Zeenaa Maarqos fi Abbaa Awusxaatiyoos (PhD) tiin alatti murtaa’uunsaa ammas olaantummaan garee tokkoo Sinoodoosiicha keessatti kan duraa caalaa akka dagaage kan ibsu waan ta’eef uummata keenya dallansiiseera, Murteen Sinoodoosichi Muudama Ephisqoophoosotaa ilaalchisee dabarse gaaffii uummata keenyaa kan hin deebisne waan ta’eef fudhatama hin qabu, hin simannu” jedhe.
Amantoonni Kutaa Lallabaa Godina Shawaa Bahaa gama isaaniin ibsa baasaniin, Murtoo Muudama Phaaphaasotaa Kan Oromiyaaf 7 kan ummata kibbaaf 2 jedhamee gaafa 14/09/2015 darbe gonkuma kan itti hin amanneefi hin fudhanne ta’uu ibsuun, murtichi waliigaltee duraanii kan cabsee fi gaaffii uummataa kan hin deebifne tahuu ibsan.
Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin muudaman 25n alattiyyuu Abboonni dabalataa muudamuu qabu kan jedhe Kutaan Lallabaa Shawaa Bahaa, Namni waggoota 28 darbaniif Kutaa lallabaa keenya irratti muudamanii jiran afaan uummatichaa kan hin beeknee fi waan sabni keenya barbaadus waan hojjatan waan hin qabneef Abbaan Haaraan afaanii fi aadaa uummatichaa beekan hatattamaan akka nuuf muudaman gaafanna jedhe.
Murtoo Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sabalammiin darbuun alatti ajaja qaama kamiiyyuu kan hin simanne tahuus beeksise.
Amantoonni Kutaa Lallabaa Qellem Wallaggaa gama isaaniin tokkummaa mana amantaa keenyaaf jecha waliigalteen kana dura bakka Ministirri Muummee jiranitti gahame Sinodoosii Itoophiyaatiin Cabeera, Sinodoosiin Itoophiyaa gaaffii amantootaa duubatti dhiisee ergama isaa waan dagateef ergama isaa bahachuu kan danda’u Sinodoosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii akka nuuf mirkanaa’u gaafanna jedhan.
Kutaan lallabaa isaanii Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin muudamaniifiin alatti kan duraan turanis tahe haaraa muudaman kamuu kan hin simannee tahuu hubachiisuun, Abboonni Sinodoosiin Oromiyaa fi Sabaaf Sablammii muude hatattamaan gara bakka itti ramadamaniitti bobba’uun hojii akka eegalan gaafataniiru.
Kutaan Lallaba Arsii gama isaatiin murtiin sinoodoosii miilanaa fudhatama hin qabaatu jedhe.
Sinoodoosiin waliigaltee kana dura gahame cabseera kan jedhe kutaan lallabaa Arsii, abboota sinoodoosii sabaa fi sablammootaan muudamaniin ala hin simannu jedhe.
GIPHY App Key not set. Please check settings