in

Mormii hawaasa musliimaa tibba kanaa karaa nagaan furuuf waliigalamuu Manni Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise. – OMN

[ad_1]

Mormii hawaasa musliimaa tibba kanaa karaa nagaan furuuf waliigalamuu Manni Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.

Manni Marichaa haala yeroo irratti ibsa kenneeera.

Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaa wayituma kana Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar keessatti diigumsa Masjiidotaan hordofee rakkoo mudateef ni gaddina jedhan.

Biyyattiin waldanda’uu, tokkummaafi waldeeggaruun kan beekamtu ammas tokkummaan keenya jabaatee akka itti fufuuf Musliimonni Itiyoophiyaa wal cinaa dhaabbachuufi naamusni mul’ate gaariidha jedhan. 

Rakkoo ture obsa, qindoomina, mariifi walhubannaarra gahuun waliigalteerra gahameera jedhan. 

Ustaaz Ahmaddiin Jabal gama isaaniitiin pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliin guyyaa kaleessa haala yeroo irratti marii taasisaniin qabxilee mariif dhiyaatan irratti waliigalteen akka jiru himan.

Magaalaan Shaggar iddoo jireenya uummata amantaa garaagaraa akka ta’e akasumas iddoon ijaarsaa manneen Amantaa  fi yunivarsiitii Islaamaa  dabalatee amantoota biroof lafti akka kennamu irratti waliigalteen adda bahuu dubatan.

Masjiidota diigaman akkata barbaachisuun deebisanii bakka busuuf haala amayyaawee fi sadarkaa magaalaan kan wal simuun deebisanii ijaaruuf irratti waliigaluus himan.

Jimaata boruu fi fulduree keenyaa jiru hunda kana booda eessattuu yeroo saalaataaf ba’amus ta’e yeroo birootti hiriirriifi mormiin kan hin gaggeeffamne ta’uu Gorsaan Seeraa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Ustaaz Kamiil Shamsuu ibsa kennamerratti dubbataniiru.

Mootummaan hawaasa musliimaa dursee maryachiisuu dhabuun dogoggora akka ta’e fi lubbuun namaa baduutti akka gadde pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa himuu isaaniitu ibsame.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia Stands Firm in Global Effort to Eliminate Terrorism –

Why the fourth India-Africa forum summit should happen during Delhi’s G20 presidency