Mootummaan waca Finxaaleyyii Amaaraatiin alaabaan Oromiyaa Finfinneetti akka hin baanee fi faaruun Oromiyaa akka hin faarfatamne dhorku gaaffii uummanni Oromoo magaalattii irratti qabu ni deebisa amantaa jedhu akka hin qabne barattoonni, maatiin barattootaa fi barsiisonni manneen barnootaa magaalaa Finfinnee dhalattoota Oromoo ta’an himan.
Barattoonni, maatiin barattootaa fi barsiisonni manneen barnootaa magaalaa Finfinnee dhalattoota Oromoo ta’an OMNf yaada kennan mootummaan kun mootummaa abdatamuu miti jedhan.
Yeroo rakkoo uummata Oromoo jala dhokachuuf waan Oromoof hojjatu of fakkeessa, dhugaan jiru garuu sanaan faallaa dha jedhu.
Mootummaan kun mootummaa gaaffii uummata Oromootiif illee beekkamtii hin kennine ta’uu eeranii, dhimma Finfinnee waliin walqabatee shirri guddaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings