[ad_1]
Mootummaan naannoo Oromiyaa fi kan federaalaa WBO waliin hidhata qabduun nu hiraarsu, humnoonni naannoo Amaaraa immoo lafa keenya irratti weerara bal’aa bananii jiru jedhan jiraattonni Aanaalee Boosatii fi Fantaallee.
Uummanni Karrayyuu yeroo dheeraaf duula qindaawaa jala jiraa jedhameera.
Mudde 1, 2021 Jilli abbootii Gadaa Karrayyuu tuuta Gadaa Michillee sirna bilxiginnaatiin haala suukanneessaan erga duguugamanii booda jiraattonni aanaa Fantaallee hanga yoonaatti jireenya idilee fi tasgabbiitti hin deebine jedhu.
Duguuggii kana booda Mudde 11, 2021 irraa jalqabee Aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaa fi Dheebitii jedhamutti waraanni mootummaa baay’inaan qubsiifamuun hawaasa nagayaa gooluu jalqabe jedhu.
San booda maqaa sakattaa WBOtiin gandoota birotti babal’achuun jiraattota ajjeesuu buqqisuu fi qabeenya saamuun hanga yoonaatti hin dhaabbanneen yaada jiraattotaati.
Dheebitii, Haroo Qarsaa, Xuxxuuxii, Ilaala, Dirra-sadeen, Gidaaraa, Galchaa, Dhagaa-Edduu, Bantii, Goola fi kanneen biroo gandoota haala hammaataa keessa jiraniidha.
Waraanni mootummaa bobbaafame kun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota poolisii addaa Oromiyaa tahuu ibsuun jiraattonni, hawaasarraa humnaan hidhannoo hiikaa jiraachuus addeessaniiru.
Gama biraatin humni garee Faannoo fi humni addaa poolisii naannoo Amaaraa bulchiinsa mootummaa Naannoo Amaaraatiin deeggaramu daangaa Aanaa Fantaallee fi Boosat darbanii dhufuun duula weerara lafaa cimsanii itti fufanii jiru jedhu jiraattonni.
Lafti aanaalee Boosat fi Fantaallee bal’aan humnoota naannoo Amaaraan qabamee akka jiruu fi mootummaan naannoo Oromiyaa immoo dhimma kana callisaan ilaalaa akka jiru jiraattonni komatu.
Hidhattoonni naannoo Amaaraa irraa bobbaafaman humnoota addaa poolisoota naannoo Amaaraa wajjiin qindoomuun lafa Aanaa Fantaallee Arroollee bal’aa dhuunfachuun tibba darbe ganda Haroo Huubaa fi Abba Kulaa too’achuuf guyyaa guyyaan horsiisee bultoota nagayaarratti dhukaasa banaa jiraachuu jiraattonni ni himu.
Humnoonni naannoo Amaaraa irraa bobbaafaman kunneen deeggarsa faayinaansii fi lojistikii gahaa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa irraa argachaa akka jiranis jiraattonni ibsaniiru.
Fantaallerraa lafti bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa dhuunfate Arroollee bal’aa, Borbor, Doddotii Guddoo, Harooressa Bal’aa, Eddoo Guddoo, Dhiibuu Dammaa, Harooressa Qal’aa, Qonyee, Funyaan Booraa, Funyaan Waangayyoo, Malkaa Jiloo, Ulaagaa, Xininjii, Haroo Arbaa, Micci, Haroo Diidaa, Wanji, Irraan buutee fa’aati.
Waytii ammaa ammoo lafti Haroo-Huubaa jedhamtuu fi Abba-Kulaan humnoota kanneeniin weeraramaa jiraachuun odeeffannoo yeroo dhihooti.
Oduma wal qabateen weeraraa fi saamichi lafaa kun gandoota aanaa Boosat hedduu keessattis hammaatee jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Lafoonni Aanaa Boosat Dudda Daalachaa, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa fi Qilee Arbaa jedhaman faan bulchiinsa naannoo Amaaraan erga dhuunfatamanii turaniiru jedhu jiraattonni.
Tibba kana mootummaan Aanaa Fantaallee fi Boosat irraa Networkii balleessuun odeeffannoon akka ukkaamamuuf yaalii godhaa jiras jedhameera.
Erga lafa qabiyyeen isii tan Oromiyaa taate Qorkee jedhamtu dhuunfachuun maqaa Awuraa-Godaanaa jedhamutti geeddaratanii as kaayyoon bulchiinsa naannoo Amaaraa daandii guddicha Adaamaa fi Dirree Dhawaa wal qunnamsiisu akkasuma karaa baaburaa guddicha Itiyo-Jabuutii dhuunfachuuf kaayyeffatanii socho’aa akka jirantu dubbatama.
Waytii ammaa kana horsiisaan bultoonni Oromoo Karrayyuu fi Ituu gama tokkoon waraana mootummaan bobbaaseen gama biraatiin ammoo hidhattoota Faannoo fi humnoota addaa poolisii naannoo Amaaraan goolamaa jiraachuu himatu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings