[ad_1]
Mootummaan marii hunda hirmaachise akka taasisu dhiibbaa hawaasni addunyaa godhu laaffisuuf ajjeechaawwan bakka garaagaraatti raawwatamaa jiran WBOtti qabataa jiraachuu hin oolu jedhu hayyoonni.
Ministirri muummee Abiy Ahmad immoo karaa fuula tiwiitarii isaanii ergaa barreessaniin godina Qeellem Wallaggaatti hidhattoonni lammilee nagaa irratti ajjeechaa raawwatan jedhan.
Bakka amma ajjeechaan itti raawwatame jedhame humnoonni mootummaa to’atanii akka jiran ajjeechaa sana dura mootummaan guyyoota dursee beeksisee ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoo immoo mootummaan namoota nagaa ofumaa fixaa diraamaa siyaasaa hojjataa jira jedhe irra deddeebiin himata.
Godina Qeellem Wallaggaatti hidhattoonni lammiilee nagayaa irratti ajjeechaa raawwachuu ministirri muummee Abiy Ahimadtu dursee marsaalee hawaasaa isaanii irratti barreesse.
Odoo miidiyaaleen tokkolleen dhimma ajjeechaa jedhamee hin gabaasin ministirri muummichaa fuula facebook isaanii irratti haala amma duran hin baramneen barreessuun gaaffii namoota hedduuti.
Ministirri Mmuummee Abiy Ahmad ajjeechaa kana kan raawwatan hidhattoota WBO qaamolee nageenyaa jalaa baqataniidha jedhan.
Ministirri tajaajila kominikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu immoo ajjeechaa sana guyyoota muraasa dursuun ibsa miidiyaaleef kennaniin bakka amma haleellaan itti raawwatame jedhame humnoonni mootummaa to’achuu miidiyaatti himanii turan.
Doktar Laggasaan aanaaleen godinaalee Qeellem Wallaggaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu marti tarkaanfii qindaa’aa humnoonni mootummaa fudhataniin guutuutti harka mootummaatti galuu dubbataniiti turan.
WBOn immoo mootummaan namoota nagayaa ofumaa fixaa diraamaa siyaasaa hojjetaa jira jedhe irra deddeebiin himata.
Yeroo tibba darbe naannawaa Gimbii ganda Tolee jedhamutti haleellaan raawwatame loltoota mootummaatu bakkas ture jedhe WBOn.
Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatee bu’aan siyaasaas ta’e kan loltummaa inni argatu akka hin jirres addeesseera.
WBOn akka jedhutti mootummaan galtee siyaasaaf jecha qulqulloota fixaa jira.
WBOn inumaa haleellaa namoota nagaa irratti humnoota mootummaa Bilxiginnaan raawwatamu uummata irraa qoluuf qabsootti jiraachuu ibsa ajjeechaa Toleetti raawwatame hordofee baaseen ibseera.
Xinxaaltonni haala Itoophiyaa keessa deemaa jiru hordofan immoo mootummaan erga guutuutti to’adhe jedhee badii gaheef akkamiin deebisee WBO gaafatamaa taasisa jechuun gaafatu.
Kana malees ajjeechaan kun ajjeechaa qindaa’aa mootummaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sadarkaa addunyaatti balleessuuf raawwatu ta’uu mala jechuun shakkii isaanii dubbatu.
Mootummaan TPLF waliin malee WBO waliin hin maryadhu jechuu yaadachiisu hayyoonni yaada nuuf kennan.
Hawaasni addunyaa WBO dabalatee mariin hunda hirmaachise akka taasifamu mootummaa Itoophiyaa irraan dhiibbaa geessisaa jiraachuu eeranii, mootummaan immoo kana hin fedhuu jedhu.
Mootummaan dhiibbaa hawaasa addunyaa kana laaffisuuf qaamolee namoota nagaa ajjeesan waliin marii hin taa’u jechuuf diraamaa kanatti akka jiru dubbatu.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf mootummaan duula maqaballeessii qindaa’aatti akka jirus ibsu.
Kana gidduutti lubbuun qulqullootaa shira mootummaan gaaga’amaa jiraa jedhu.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa immoo haleellaan haaraan raawwatamuu quba qabaachuufi dhimmicha qulqulleessaa akka jiru hime.
Namoonni kun ajjeefamuu malee miidhaa dhaqqabee fi odeeffannoo dabalataa hin arganne jechuun komishinarri komishinichaa Doktar Daani’eel Baqqalaa himaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings