in

Mootummaan loltoota isaa bobbaasee mana hiyyeessaa gubaa oolu, as Finfinneetti manan haaromsaan waan hiikaa hin qabnee jedhame. – OMN


Mootummaan loltoota isaa bobbaasee mana hiyyeessaa gubaa oolu, as Finfinneetti manan haaromsaan waan hiikaa hin qabnee jedhame.

 

Mootummaan biltsiginnaa naannoo Oromiyaatti mana qonnaan bulaa Oromoo ibiddaan mancaasaa magaalaa Finfinneetti mana harka qalleeyyiin haaromsa jechuun diinummaa sirna kanaa mirkaneessa jedhame.

Naannoo Oromiyaatti torbeewwan muraasaa asitti qofaa manneen qonnaan bulaa 100 caalaan humnoota mootummaan gubachuu ragaaleen mul’isu.

Waggoota afran darban keessa yeroo humnoonni mootummaa mana qonnaan bulaa Oromoo gubanii marsanii sirban agarre. Kun godina Gujiitti ta’e.

Humnootiin mootummaa manneen tuutan jiranitti ibidda qabsiisanii uummanni akka meeshaa mana keessaa hin baafanne irraa ittifame. Kana godinaalee Wallaggaa, Shawaa Lixaa fi Shawaa Kaabaa faati waan ta’e namoonni ijaan argan OMNtti himan.

Manneen qonnaan bultoota hedduu ilmaan keessan WBO keessa jiruu fi WBO gagaartuun humnoota mootummaatiin jalaa gubatee dirree irratti hafan.

As dhihoo kana godina Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaa, godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti jiraattota fixanii manneen jireenyaa heddu gubuu uummatatu dubbata.

Mootummaa akka kana godhutu Finfinneetti immoo manneen harka qalleeyyii roobni ganna dhufuun dura haaromsinee jiraattota rakkoo irraa oolchina jedhe.

Ministirri muummee fi mataan biltsiginnaa Abiy Ahimad mana harka qalleeyyii haaromsaa jiru jechuun miidiyaaleen afaan mootummaa suuraa isaanii qabatanii bahanii jiru.

Ministirri muummee Abiy haala jireenyaa mijataa lammiileef uumuuf duula mana jireenyaa namoota harka qalleeyyii haaromsuu kana irratti namuu hirmaachuu qaba jedhanii ergaa dabarsan jedhame.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebees kallattii ministirri muummichaa kennaniin, manneen harka qalleeyyii kuma 3 fi 400 haaromsuuf karoorfanne jedhan.

Namoonni waan Oromiyaa keessatti ta’aa jiruu fi waan aangawoonni biltsiginnaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjanna jedhan taajjaban, gama tokkoon qe’ee Oromoo ibiddaan mancaasaa Finfinneetti manneen harka qalleeyyii haaromsinaan waan hiikkaa hin qabnee jedhaniiti jiru.

Namoonni OMNf yaada isaanii kennan, waanti amma mootummaan itti jiru sirni biltsiginnaa diina uummata Oromoo ta’uu isaa kan agarsiisu akka ta’e himaniiti jiru.

Mootummaan bakka tokkotti loltoota isaa bobbaasee mana hiyyeessaa gubaa oolu, as Finfinneetti manan haaromsaan waan hiikaa hin qabnee jedhaniiti jiru.

Waanti ta’aa jiru amala sirna biltsiginnaa kan agarsiisu akka ta’e eeranii, biltsiginnaan sirnichi jedhu teessoo aangawootaan ala naatoo uummataa wayiituu kan hin qabne ta’uu dubbatan.

Oromiyaa keessatti namoonni humnoota mootummaan manni irraa gubate waqtii gannaa rooba ta’e as adeemaa jiru gadadoo keessa dabarsuuf akka jedhan himan.

Uummanni Oromoo bakka jirutti lammiilee kanneen gargaaruu akka qabus warri yaada kennan yaamicha dhiheessanii jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Anduamlak Sisay – Capital Newspaper

የወደሙ ሆስፒታሎችን እንገነባለን (ኢትዮጵያውያን በአትላንታ)