Mootummaan ijoollee keenya fixee gadda taa’uullee nu dhorkee ture jedhu jiraattonni aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa keessatti waraanni mootummaa daa’imman kikichuu nu jalaa fixe jedhu jiraattonni.
Miseensonni maatii OMNf yaada kennan, miseensa WBOti jechuun daa’imman nagaa osoo ija keenyaan ilaalluu waraanni mootummaa nu fuulduratti rashanee awwaalallee nu dhorke jedhu.
Adoolessa 22, 2022 Waraanni Mootummaa Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa keessatti daa’imman lafaa dhufaa sadi Shaamballii Shuumii, Waaqumaa Hirphasaa fi Araarsaa Addunnaa kan jedhaman qabuun lafa qubsuma ilaalloo isaanii kan taate Tulluu Bagaallooti geessuun bifa sukkanneessaan fixuu maatiin himan.
Daa’imman kanneen osoo ijaan ilaalluu reeffa akka hin kaafne nu dhorkanii reeffi isaanii qe’ee keessa oolee bulaa ture jedhaniiru.
Ijoolleen kichuuwwan kunneen miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo waan taateef boowuus awwaaluus hin dandeessan jechuun waraana mootummaan akeekkachiifamuu dubbatu warri ijoollee kanaa.
Ijoolleen kunneen Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata wayiituu hin qaban kan jedhan maatiin, akka kanaan ol adeemaa keenya waraanni mootummaa karaatti hambisaa jiraa jechuun dubbatu.
Kadhaa hedduu fi guyyoota booda reeffa ijoollee isaanii kaasanii awwaallachuu himu Warri daa’imman kanneenii.
Haa ta’uu malee hanga ganda kana keessaa waraanni mootummaa bahutti gadda taa’ullee hin dandeenye jedhu. Firriii fi ollaan walitti dhufee gadda taa’uu, wal dubbisuu hin dandeenye ture jechuun dubbatu.
Ji’a tokko booda torban darbe keessa lola WBO fi humnoota mootummaa gidduu tureen gandi Galaan Waddeessaa WBOn dhuunfatamee bilisummaa arginee jedhu maatii fi jiraattonni.
Bilisummaa kanaan jalqaba carraa gadda ijoollee keenyaa taa’uu arganne jechuun dubbatu.
Maatiin ijoolleen irraa dhumtee fi hawaasni naannichaa torban dabree kaaseeti walitti dhufee gadda kan taa’e.
GIPHY App Key not set. Please check settings