[ad_1]
Mootummaan asxaa Biiroolee Oromiyaa irraa mallattoolee Oromoo balleessaa deemuun aggaammii akka sabaatti eenyummaa Oromoo balleessuuf jiru ta’uu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa himan.
Mootummaan hanga ammaa asxaawwan biirolee barnootaa, komunikeeshinii mootummaa, fayyaa fi kanneen biroo jijjiireen mallattoolee ibsituu Oromoo ta’an mara irraa haqeeti jira.
Adeemsi mootummaan itti jiru kun qaama duula eenyummaa, duudhaa, aadaa fi seenaa Oromoo balleessuuf taasifamaa jiruuti jedhan.
Namoonni marsaalee hawaasaa irratti yaada kennan, adeemsi jiru sirna qeenxee sabdaneessummaaf jibba hamaa qabu, uummanni biyyattii aadaa, afaan, duudhaa fi mallattoo tokko akka qabaatu fedhutu aangoo irra jiraachuu mul’isaa jedhan.
Adeemsi amma jiru kan waggoota soddoma dura dhiifnee dhufne kan jedhan warri yaada kennan, warri dhiiga ilmaan Oromoon aangoo kore dursa aadaa, duudhaa, seenaa, mallattoo fi eenyummaa Oromoo balleessuu filatee jedhan.
Erga jijjjiiramni dhufee uummanni Oromoo mirga dabalataa argachuu mitii, isuma duraan qabuu mulqamuutti akka jiru eeranii, tokko tokkoon dhawata dhawataan waan hunda Oromoo jalaa balleessaa akka jiran dubbataniiru.
Waanti amma godhamaa jiru heeraa fi seeraa naannichaallee kan faallessu akka ta’e himaniiti jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings