in

Mootummaan aanaa Abunaa Gindabarat dirooniin tumuu amane. – OMN


Mootummaan aanaa Abunaa Gindabarat dirooniin tumuu amane.

Itti-gaafatamaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa Obbo Tasfaayee Mirreessaa aanaa Abunaa Gindabaratitti mootummaan dirooniin haleellaa raawwachuun dhugaadha jedhanii jiru.

Tibba kana godina Shawaa Lixaa aanaa Abuna Gindabarat ganda Dogomaa Kiibbiitti mootummaan xiyyaara nama malee dirooniin haleellaa raawwachuu irra deddeebiin dubbatamaa ture.

Odeeffannoon BBCn qabatee bahe akka mul’isutti, haleellichi raawwatamuu isaa mootummaan mirkaneessee jira.

Itti-gaafatamaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa obbo Tasfaayee Mirreessaa aanaa Abuunaa Gindabaratitti mootummaan dirooniin haleellaa raawwatee jedhan.

Haata’uutii garuu haleellichi hidhattoota irratti kan xiyyeeffate dha jedhan.

Miidhaa namoota nagaa irra gaheef odeeffannoo akka hin qabne dubbatan obbo Tasfaayeen.

Jiraattonni gama isaaniitiin haleellichi hidhattoota irratti kan xiyyeeffatee fi raawwatame otoo hin taane, numa namoota nagaatu haleellichaan midhame jedhan yaada OMNf kennaniin

Haleellaa kanaan namoota 25 ta’antu dhume kan jedhan jiraattonni, namoonni torba osoo haleellaa xiyyaaraa baqatanii hallayyaa keessa bu’anii akka du’an himaniiti jiru.

Haleellaan kun Jimaata darbe kan raawwatame ta’uu fi uummanni naannichaa baqatee bosonaa fi holqatti galeera jedhan jiraattonni haleellicha ijaan arguu dubbatan.

”Dogomaa Kiibbiitti Jimaataa galgala sa’a 12 irratti haleellaa namatti hin tolle raawwatan” kan jedhan jiraattonni, Uummanni baqatee dubartoonni shan bosona keessatti akka dahan ibsaniiti jiru.

Uummanni haleellaa qofa miti waraanni mootummaa nu saamaa jiras jedha.

Humni waraanaa mootummaa horii uummataa 220 caalaa gara laga Mogorii fi laga Abbayyaa gidduutti ooffachuu jiraattonni komii isaanii BBCtti himan.

Qe’ee uummataa keessa naanna’uun waraanni mootummaa re’oota qalataa akka tures jiraattonni ni dubbatu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin yaada OMNf kenneen, mootummaan humna lafootiin WBO dadhabee jennaan xiyyaara nama maleetiin naannicha reebe jedhe.

Haleellaa kanaan WBOn tuqame akka hin jirre eeree, uummata nagaa qabsoofnuuf nj jalaa fixan jedhe WBOn.

Haleellaan xiyyaaraa waan lafa irra jiru hin jijjiuru kan jedhe WBOn, qabsoo isaa finiinsuun injifannoo waaraa akka galmeessuuf deemu himeeti jira.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Tikur Anbessa Hospital Cardiac Center Expansion Inaugurated

Terrorist Group Diverts Humanitarian Aid to Feed Combatants