in

Mootummaa Qe’ee nama irratti gubu abboonni keenyayyuu hin argine jedhu jiraattonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa. – OMN

[ad_1]

Mootummaa Qe’ee nama irratti gubu abboonni keenyayyuu hin argine jedhu jiraattonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa.

 

Giddugala Oromiyaatti qe’een jiraattotaa hidhattoota mootummaatiin gubamuun itti fufeera jedhame.

Gochi kun bal’inaan keessatti kan raawwatamu Godina Shawaa Lixaatti Waraanni mootummaa guyyaadhaa gara guyyaatti qe’ee nurratti barbadeessaa jira jedhu jiraattonni.

Aanaalee Ilfataa, Cobii fi Ambootti manni Abbootii Warraa hedduun waraana mootummaan gubamee maatiin dirreerra faca’eera.

Gochi egeree ummatichaa balleessuu irratti fuulleffate kun, Godinaalee Oromiyaa biroo keessattis itti fufee “Riphee Lolaaf Dawoo taatan” sababa jedhuun ummanni nagaa dararamaa jiraachuu odeeffannoon arganne ni mul’isa.

Waraanni Mootummaa maqaa seera kabachiisuu jedhuun gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaafamu yakkoota suukanneessoo ummata nagaa irratti raawwatu itti fufee jiraachuu jiraattonni kutaalee Oromiyaa garaagaraatii OMN quunnaman ni himu.

Yakkoonni waraana mootummaatiin irra deddeebiin raawwataman kunniin irra jireessaan ummaticha jiilchuun qabsoo taasifamurraa of duuba deebisuu, bulchiinsa abbaa hirrummaa mootummaa biltsiginnaa humnaan simatee akka buluuf dirqisiisuu irratti kan xiyyeeffatanidha jedhu.

Keessumaa Riphee Lolaaf dawoo taatanniittu jechuun yakki waraanaa ummata nagaa irratti raawwatamu, egeree ummatichaa balleessuu irratti kan kaayyeffatedha jedhu maddeen odeeffannoo OMN. 

Qe’ee fi qabeenya ummatichi barootaaf horate gubanii barbadeessuun, hawaasa harka qullaa hambisuun taatee guyyaa guyyaan argaa jiran ta’uu himu.

Haleellaan qe’ee Qotee bulaa irratti fuulleffate kun hammam Lixaa fi Kibba Oromiyaatti waggoota kan lakkoofsise ta’us, ji’oota muraasaa as giddugala Oromiyaatti akkaan babala’teera.

Shawaa lixaa Aanaalee Ilfataa, Cobii, Amboo, Gindabarat, Abunaa Gindabaratii fi Ada’aa Bargaafayitti qe’een jiraattota hedduu waraana mootummaa maqaa seera kabachiisuu jedhuun bobbaafamuun gubamanii, maatiin dirreerra faca’eera jedhame. 

Jiraattonni haleellaa kanaaf saaxilaman, qabeenya barootaaf horatan dhabanii harka qullaatti hafanii jiraachuu Raadiyoo Arraata Biyyoolessaaf himan.

Namoonni bifa kanaan qe’een irratti gubamee, qabeenya barootaaf horatan dhaban muraasa akka hin taane odeeffannoon yeroo yeroon OMN qaqqabu ni mul’isa. 

Gariin dirreerra faca’uun harka namaa eeggachuuf wayita saaxilaman, kan hafan lubbuu ofii baraarfachuuf jecha waqtii murteessaa kanatti qabiyyee isaaniirraa godaanuuf dirqamaniiru. 

Kun hundi miidhaa sababa Oromummaa keenyaan nurratti raawwatame malee, badii qaama mootummaa irratti raawwanne qabaanneef miti jedhu jiraattonni.

Mootummaa Qe’ee namarratti gubu abboonni keenyayyuu hin argine jedhu jiraattonni Aanaalee Godina Shawaa Lixaa kunniin. 

Qaamni aangoorra jiru gocha diinummaa daangaa darbe irratti raawwachuu ibsuun, haqni qaama mootummaarraa abdannu hin jiru, ummanni keenya miidhama nu mudate nuuf haa ilaalu jedhan.

Roorroo akka ummataatti nu mudate waloon qolachuu qofatu nu baasas jedhu.

Yakki waraanaa qe’ee ummataa barbadeessuun egeree hawaasaa balleessuuf raawwatamu kun Aanaalee Godina Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa iddoowwan hedduutti itti fufee jiraachuus OMN jiraattotarraa odeeffateera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

“BRICS+” contributes to the new brilliance of cooperation among developing countries

Deputy PM Officially Launches Summer Voluntary Service | Satenaw: Ethiopian News