in

Miseensotnifi itti gaafatamtootni Waajjiraalee KFO Godina Arsii Lixaa humnoota mootummaatiin butamanii turan, gariin har’allee bakki buuteen isaanii hin beekamnee jedhu maddeen.


Miseensotnifi itti gaafatamtootni Waajjiraalee KFO Godina Arsii Lixaa humnoota mootummaatiin butamanii turan, gariin har’allee bakki buuteen isaanii hin beekamnee jedhu maddeen.

 

Miseensa koree giddu galeessa KFO fi gaafatamaa KFO damee Arsii lixaa Obbo Daraaroo Duubee hidhaa ji’a sadii booda hiikamanis, koreewwan dhaabichaa gariin mana hidhaa garii  ammoo bakki buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uu maddeen OMN-tti himan.

Sababa miseensota maatii Obbo Daraaroo Guyyee ta’aan qofaaf namoonni 32 humnoota mootummaatiin qabamanii Shaashemanneetti hidhamuus OMN odeeffateera.

Godina Arsii Lixaatti miseensotniifi geggeessitoonni paartii KFO sadarkaa aanaafi godinaarra jiran adamsamanii hidhamaa akka turan jedhu jiraattonni.

Namoota hidhaman keesaaa Obbo Daraaroo Duubee turtii ji’a sadii booda hidhaarraa hiikamuu isaanii OMN odeeffateera.

Haa ta’u malee itti gaafatamaa KFO aanaa Kofalee Obbo Biliisummaa Hajiifi gaafatamaan KFO Heeban Arsii Obbo Shaalloo Argoo erga hidhamanii ji’onni hedduun darbanis manni murtiifi galmeen waajjira haqaa isaan hin beekin jira jedhu maddeen.

Itti gaafatamaa KFO aanaa Heeban Arsii Obbo Shaalloo Argoo erga hidhamanii yeroon dheeraa darbus, maatiin isaan argee waan hin beekneef lubbuun jiraachuu isaaniifuu shakkii qabnaa jedhu maddeen OMN garasirraa dubbise.

Miseensotaafi geggeessitoonni paartichaa hedduun aanota Godina Arsii lixaafi Arsiitti hidhamanii mana murtiirraa ittifamuun mana hidhaatti erga dagatamanii bubbulaniiru jedhu maddeen. 

Warreen carraa mana murtiitti dhihaachuu argatanii biliisa jedhamanis ta’e kanneen mirgi wabii eegameef jiraatanis, poolisiin galmee isaanii dhoksuun mana hidhaa isaan tursiisuu filateera jedha namni dhimma hidhamtoota kanneen itti dhiheenyaan hordofu tokko.

Gama biraatiin maanguddoo ganna 70 olii kan ta’aan Obbo Daraaroo Guyyee humnoota mootummaatiin butamanii erga hidhamanii turanis hanga yoonaa mana murtiitti hin dhihaatin jiru jedhu maddeen.

Inumaawuu kan caalu, poolisiin miseensota maatii obbo Daraaroo Guyyee kan ta’an namoota 32 qe’ee isaaniitii qabuun shaashemanneetti geessuun hidhee jira jedhu.

Godina Arsii lixaa keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa ulfaataa raawwachaa jiruuf, jiraattonni mootummaa himataniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Anti-Corruption Committee Commences Operations to Fight Corruption –

Ajjeechaan Tuuta Gadaa Michillee irratti raawwatame Yakka Duguuggaa Sanyiiti jedhe ABO-WBOn. – OMN