[ad_1]
Miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa (Caucus of Opposition Parties) jedhamu Jila Gamtaa Awurooppaa waliin maryatan.
Koongirasiin Federaalawaa Oromoo ibsa har’a karaa Facebook isaa baaseeni jila kana waliin kaleessa magaalaa Finfinneetti maryatamuu kan beeksise.
Jilli gamtaa Awurooppaa Hoogganaa Koree Dhimmaa Alaa Gamtaa Awuroppaa Kan ta’an Deevid Mak Alistarii fi Ambaasadar Roolaand Koobiyaatiin kan durfame yoo ta’u miseensota Paarlamaa Awurooppaa 10 of keeasa qaba jedhame.
Marii kana irratti Miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa Paartilee Kongirasii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Ogaadeen, Arenaa Tigraay, ,Sochii Biyyoolessa Walaayitaa fi Madrak irraa bakka bu’an irratti argamuu ibsichi mul’isa.
Marii sa’aa 2 ol fudhate kana irratti Miseensonni Gumichi dhimma nageenya biyyaa fi walwaraansa Kaaba Itoopiyaa, Walwaraansa Oromiyaa keesaatti gaggeefamaa jiru, ajjeechaa, ukkaamsaa fi hidhaa seeran alaa, buqqaatii ummataa fi beela biyya hubaa jiru irratti ibsa baldhaa kennuutu himame.
Hawaasni addunyaa walwaraansa Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo gaha kennuufii dhabuun balaa gudda akka qabu hubachiisanii jiru jedhame.
Miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa walwaraansa Oromiyaa fi iddoolee garagaraa biyaattii keesa jiru moggatti dhiibanii walwaraansa Kaabaa dhaabuun qofa rakkoon nageenya biyyaa akka hin furamne himanii jiru.
Kanaan walqabates qaamoleen Kaabatti wal waraanaa jiran waldhabdee isaanii caasaa Gamtaa Afriikaa jalatti araaraan furachuuf tattaffii godhamaa jiru kan deeggaran ta’uu eeranii, haa ta’u malee mootummaan Eritiraa jiddu lixummaa hin barbaachifne balaafamaa fi birmadummaa biyyaa cabse gochaa jiru kan balaaleffatanii fi kan dhaabbachuu qabu ta’uu himanii jiru.
Kanaafis dhiibbaan diipiloomaasii hawaasa addunyaa cimee akka itti fufu gaafatanii jiru.
Gama biraatiin walwaraansi dhaabbatee mariin biyyaalessaa hunda galeessa qaama walaba ta’een gaggeefamuun furmaata waaraa akka fidu ibsanii jiru.
Mariin biyyaalessaa waggoota dheeraaf ajandaa paartileen morkattootaa dhaadhessa turan ta’uu isaatiin mariin haqa qabeesaa fi hunda galeessa akka taasifamu fi cehumsi gama diimokraasii akka milkaayu taasisuun kaayyoo ijoo Gumiin Paartilee Morkattootaa ijaarameef akka ta’e hubachiisanii jiru.
Haata’u malee akkaataa mootummaan amma itti deemaa jiruun fi koomishinii marii biyyaalessaa walaba hin ta’in haala iftooma hin qabneen hundeessuun mariin bu’a qabeessa rakkoo walxaxaa biyyaatiif furmaataa waara laatu ni gaggeeffama abdii jedhu akka hin qabne ibsanii jiru.
Kana waan ta’eef Gamtaan Awurooppaa yaada morkattootaa biyya baraaruu danda’u kana cinaa akka dhaabbatuu fi deeggaru gaafatanii jiru.
Ambaasaddar Roolaand Koobiyaa fi Deevid Mak Alistar gama isaanitiin walwaraansi Itoophiyaa keessa jiru kan daran isaan yaachise, gaaga’ama Gaanfa Afriikaa fi dhiibbaa garaagaraa Awurooppaa irratti kan fiduu danda’u akka ta’e ibsanii, waranni Kaabaa fi Oromiyaattis gaggeefamu furmaata atattamaa akka argatu akka hojjatan himanii jiru.
Haaluma kanaan rakkoon siyaasaa waraana dhale akka furamuuf gahe qabeessota ijoo ta’an kan akka Miseensota Gumii Paartilee Morkattotaa, Mootummaa fi humnoota siyaasaa garagaraa waliin akka dhiheenyaan hojjatan eeranii jiru.
Itoophiyaan biyya ijoo hariiroo michoomina cimaa Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu waan taatef nagaa, tasgabbii fi sirna demokiraasii dagaage keessatti arguuf hawwii qaban ibsanii jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings