in

Miseensi Mana Maree Ameerikaa Biraad Sheermaan, Qoqqobbiin Itoophiyaa miseensummaa AGOA keessaa haquuf biyyattiirra kaa’ame akka hin kaaneef gaafatan.

[ad_1]

Miseensi Mana Maree Ameerikaa Biraad Sheermaan, Qoqqobbiin Itoophiyaa miseensummaa AGOA keessaa haquuf biyyattiirra kaa’ame akka hin kaaneef gaafatan.

 

Kamisa darbe Gorsaa Dhimma Nageenyaa Ameerikaa, kan waa’ee wal-waraansa Kaaba Itoophiyaa itti dhiheenyaan beekan Jaak Suliivaan waliin mari’achuu kan ibsan miseensi mana marichaa, Itoophiyaan Miseensummaa AGOAtti akka deebitu gochuu fi Mootummaan Itoophiyaa Dhaabbilee Faayinaansii Idil-addunyaa irraa liqa akka argatu hayyamuuf yeroosaa miti jedhan. 

Hanga Gargaarsi Namoomaa, Qorichii fi Boba’aan isaan kana geejjibsiisuuf oolu daangeffama Tigiraayi akka qaqqabu hayyamamutti, Hanga waraanni naannichatti deemaa jiru guutuutti yeroo xumuraaf dhaabbatutti, Hanga Falmitooti Mirgoota namoomaa fi Gaazexeessitooti Naannoo Tigiraayi manneen hidhaa biyyattii dhalattooti Tigiraayi itti hidhamanii jiran akka daawwatamaniif murtaa’utti fi Ummanni Tigiraayi addunyaa waliin akka wal arguuf Interneetii fi misoomawwan bu’uuraa biroon deebi’anitti qoqqobbiin mootummaa Itoophiyaarra kaa’ame akka hin kaane gaafataniiru. 

Itoophiyaatti nagaa waaraa buusuuf waraanni Ertiraa guutuutti gadi lakkisee bahuu akka qabu kan gaafatan Biraad Sheermaan, kun tahuu baannaan Pirezedaantii Ertiraa Isaayyaas Afoorqiirra qoqqqobbiiwwan barbaachisan kaahuu dabalatee tarkaanfileen dabalataa fudhatamuu akka qaban gaafatan. 

Hanga tarkaanfileen murteessoon kun fudhatamanitti Itoophiyaan miseensummaa AGOAtti akka hin deebine, Dhaabbileen Idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaaf akka hin liqeessine dhiibbaa gochuun akka barbaachisu hubachiisaniiru Miseensi Mana Marii Ameerikaa kun.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Ethiopia, Kenya ink agreement to jointly prevent organized crimes, terrorism

Prime Minister Abiy Ahmed says government is not meddling on ownership rights of Welqait – Mereja