in

Miseensa Gumii Sabaa ABO kan ta’an Obbo Amaan Filee dheengadda adabbi hidhaa waggaa 10 Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Kibbaa itti murteesse mormuun, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiheeffatan.


Miseensa Gumii Sabaa ABO kan ta’an Obbo Amaan Filee dheengadda adabbi hidhaa waggaa 10 Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Kibbaa itti murteesse mormuun, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiheeffatan.

 

Oliyyannoo karaa abukaattoo isaaniitiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf dhiheeffatan kanaan, yakki ittiin himataman isaan adabsiisuuf bu’ura seeraa akka hin qabneefi kana dura dhimmicha ilaalchisuun akka waliigalaatti mootummaan ABO’f dhiifama taasiseefii akka ture kan ibsu ta’usaa abukaatoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Tolamaaram Maggarsaa himaniiru.

Himatni shororkeessummaa Obbo Amaan Filee ittiin himataman, gochawwan bara 2018 dura raawwatamaniin yoo ta’u, himatni kun utuu yakka isaan adabsisu ta’ees erga ABO’rraa labsiin shororkeessummaa haqamee gara Oromiyaatti akka deebi’uu taasifamee as kan isaan himachiisu hin turre kan jedhan Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Tolamaaram Maggarsaa, haa ta’u malee Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Kibbaa, bu’ura seeraa cabsuun sagalee caalmaan hidhaa waggaa 10 itti murteessuusaa yaadachiisu.

Obbo Amaan Filee kana dura yeroo adda addaatti Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Kibbaatti dhihaachuun, himatni isaanitti baname kun dogoggora ta’uufi erga karaa nagaa akka qabsaa’aniif gara Oromiyaatti deebi’ani as, gocha waggoota ja’aafi torba dura raawwatameen qondaalotas ta’e dhaabni ABO hanga ammaatti himatame waan hin jirreef, anis erga maqaa dhiifamaatiin dhaaba kiyya waliin Oromiyaatti deebi’ee ittiin himatamuun narra hin jiru jechuun yaadasaanii dhiheeffachaa akka turan abukaattoon isaanii kun himaniiru. 

Haa ta’uu malee Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Kibbaa, yaada isaanii kuffisuun olmaa Waxabajji gaafa 27, 2014 ooleen, Obbo Amaan Fileetti hidhaa waggaa 10 murteessuunsaa ni yaadatama.

Adabbi hidhaa waggaa 10, manni murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha Kibbaa Waxabajji 27, 2014 isaanitti murteesse bu’ura seeraa kan hin qabneefi haqa kan giddu galeeffate ta’uu dhabuusaan cinatti keeyyatni labsii shororkeessummaa isaan ittiin himatamanillee haqamee jiraachuu Abukaatoo fi gorsaan seeraa Obbo Tolamaaram Maggarsaa himaniiru.

Miseensa Gumii Sabaa ABO keessaa tokko kan ta’an Obbo Amaan, waggaa lama dura  hogganaa olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa dubbisuuf gara mana hidhaa Buraayyuu yeroo dhaqanitti, achumaan kan qabaman turan.

Ergasii as gara Booranaatti geeffamuun qajeelcha Poolisiitti hidhamaa erga turanii booda, waggaa tokko dura gara magaalaa Shaashemannee geeffamuun hanga yoonaa achitti hidhamanii jiru.

Maatiin Obbo Amaan sababa mootummaan nama kana ukkaamse caalaa, sababa maatiirraa fageeffamanii Booranaafi Shaashemanneetti hidhamaniif gaaffii isaanitti uumuu yeroo adda addaati OMN-tti himaa turaniiru.

Obbo Tolamaaram Magarsaa, murtii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha kibbaan kenname kana mormuun oliyyannoo gara Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti akka fudhatan ibsuun, manni murtichaas oliyyannoo kana ilaaluun murtii kennuuf, Onkoloolessa 11, 2015-tti beellama bulfachuusaa himu.

Himannoon Obbo Amaan Fileetti baname kun, taatee bara 2018 dura raawwatame yoo ta’u, utuu Obbo Amaan Filee yakka kana raawwataniiru ta’ees, mootummaan ABOrraa labsii shororkeessummaa haqee gara biyyaatti akka deebi’an bara 2018 waan taasiseef, akkasumas ammoo Obbo Amaan Filee ergasii humnoota mootummaan to’atamanii kaampii waraanaa Xoollay geeffamuun ji’ootaaf leenjii haaromsaa fudhatanii dhiifamni taasifameefii jiraachaa waan turaniif, murtiin kenname kun haqa kan dabseedhas jedhameera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Police keeping Asefa Wodajo in custody despite 60,000 birr bail grant: Family members

Under-Secretary-General Martin Griffiths Condemns All Diversion of Aid Assets | Satenaw: Ethiopian News