Mariin TPLF waliin goonu gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti qofa xumuramuu qaba jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa minstira muummee ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Kun ijjannnoo mootummaa kan yoomillee hin jijjiiramne jedhu Qondaalli kun Fuula twiitara isaaniin ijjannoo mootummaa yoo ibsan.
Adeemsa Jilli Dippiloomatotaa fi Ergamtoota Addaa Maqaleetti imale dubbii itti qabate irratti mootummaan gammachuu akka hin qabne ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.
Warri kun marii araaraaf kutannoon akka jiraatu dhiibbaa gochuu hin dandeenye kan jedhan gorsaan ministira muummichaa, inumaayyuu haal dureewwan gareen TPLF akka guutamu gaafate akka guutamu nu sossobuu barbaadu jedhan.
Gama tajaajiloota bu’uuraa deebisuutin mootummaan kutannoo qabu irra deebiin mirkaneesseera jedhanii, marii eegaluun mataansaa kanaaf haala mijeessuu fi nagaa barbaacha jedhee mootummaan federaaaa akka amanu himaniiru.
Ibsi waloo Jilli Dipploomaatotaa kun baase “ulaa gargaarsa namoomaa banuu” kan jedhu isuma irra deddeebiin odeeffamaa bahe deebisanii odeessudha jedhanii, ulaan gargaarsa namoomaa qaata baname jedhaniiru.
Xiyyaarri daangeffama tokko malee deddeebi’aa akka jiruu fi konkolaattotni gargaarsa fe’anis akkasuma deddeebi’aa jirachuu dubbataniiru.
Dhimmi boba’aas waliigalameera, deebiis argateera jedhaniiru ergaa twiitaraa kanaan.
Irra deebiin kan mirkaneesssuu feenu jedhan Qondaalli Bilxiginnaa kun mariin araaraa itti deemnu jaarsummaa Gamtaa Afrikaa qofa jalatti xumuramuu qaba, kun sarara diimaa keenya dha jedhan.
GIPHY App Key not set. Please check settings