[ad_1]
Mariin Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay jiddutti adeemsifamaa jiru gufachaa jiraachuu dippiloomaatonni himaa jiru.
Mariin rakkoo Itoophiyaa hundeen furuu danda’u marii garlamee otoo hin taane marii hunda hirmaachise yoo ta’ee dha jedhu xinxaaltonni.
Mariin nagayaa Afrikaa kibbatti hooganummaa Gamtaa Afrikaatiin TPLF fi Biltsiginnaa walitti fide ejjannoo bakka bu’oonni mootummaa federaalaa qabataniin gufachaa jiraachuu ibsamaa jira.
Marii Afrikaa kibbaa magaalaa Piritoriyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Wal-ta’insa Afrikaa Kibbaatti adeemsifamaa jiruun ejjannoon bakka bu’oonni mootummaan Itoophiyaa agarsiisan maricha gara muddamaatti akka ceesise ibsamaa jira.
Bakka bu’oonni Mootummaa Itoophiyaa “hidhattoonni Tigraay hidhannoo hiikkachuu qabu” jechuun yaanni dhiyeessan muddama marichaa hammeessuun mariin dilbata darbe xumuramuu qabu, xumura dhabuun hamma roobii dhufuutti dheerefamuu isaa gabaafamee jira.
Xiinxaltoonni siyaasaa fi falmitoonni mirga namoomaa “milkaa’inni marii nagaa kan madaalamuun haala waraanaa qabatamaan lafa irra jiruu fi fedhii siyaasaa qaamolee wal waraananin” jechuun ibsuu irratti argamu.
Waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti gareelee garaagaraatu hirmaataa jira kan jedhan xinxaaltonni OMNf yaada kennan, dhiibbaan humnoonni kallattiin marii keessa hin jirre garuu waraana keessa jiraanii olaanaa ta’uu himu.
Mootummaan Eritiraa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaataa jiru humnoota Tigraay hanga balleessutti dhaabbachuu fedhii hin qabuu jedhu.
Otuma magaalaan Maqalee to’atameeyyuu, mootummaan Eritiraa gulantaa biraa Itoophiyaa hunkuruutti cehuuf kaayyoo akka qabu xinxaltonni dubbatu.
Humnoonni Amaaraa immoo akkuma mootummaa Eritiraa hanga Maqaleetti deemuun humnoota Tigraay barbadeessuuf fedhii qabu kan jedhan xinxaaltonni siyaasaa, gartuuleen lameen wantoonni akka humnaan xumuramu fedhii qabaachuu isaanii ibsu.
Kanaafis mootummaan federaalaa humnoota isa tumsanii jiran kana irraa dhiibbaa jabaa jala jiraachuu eeranii, kunis marii nageenya taasifamaa jiru gufachiisuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatu.
Mootummaan federaalaas injifannoowwan tokko tokko argataa jiruun dhimmicha gara waraanaan xumuruutti luucca’uu danda’aa jedhu.
Itti gaafatamaan Waldaa Mirga Namoomaa Itoophiyaa Yaared Haylamaariyaam immoo xiinxala BBC irratti kennaniin, “biyya takka keessatti nageenyi kan bu’uu danda’u qaamolee hunda bira yoo qajeelummaan jiraate qofaadha” jedhan.
Mariin nagaa yeroo baay’ee kan hin milkooyneef qajeelummaan waan hin jiraanneefi kan jedhan Obbo Yaared, qaamoleen siyaasaa hundi dantaa siyaasaa fi oftulummaa dhuunfaa isaanii dhiisuun dantaa biyyaa fi ummataaf jecha qajeellummaan maricha irratti hirmaatu qabu” jedhu.
Itoophiyaa keessatti yeroo hedduu dargaggoota kuma dhibba hedduun waraanaaf hiriirsiisani fixuun akkasuma qabeenya barbadeessuun baratamaadha kan jedhan qondaalli Waldaa Mirga Namoomaa Itoophiyaa kun, aadaan garaagarummaa keenya karaa ammayaawaa ta’een furuu gadi bu’aadha jedhu.
Haata’uutii garuu dhiibbaan hawaasa addunyaa fedhii jira kanaa irra aanuun gara rakkoo jiru mariin hiikuutti akka cehan dirqisiisuu danda’a kanneen jedhanis heddu.
Warreen biroo yaada OMNf kennan, mariin TPLF fi mootummaa federaalaa qofa gidduutti taasifamu Itoophiyaaf nageenya waaraa fiduu hin danda’uu jechuun falmu.
Otuma gartuuleen lameenuu waliigalaniiyyuu rakkoon Itoophiyaan keesaa jiru rakkoo waraana kaabaa qofa miti jedhu.
Keessattuu gartuulee siyaasaa Oromoo fi WBO cinaatti dhiisuun mariin godhamu Itoophiyaaf nageenya waaraa fiduu akka hin dandeenye ibsu xinxaaltonni.
Maaliif jennaan waraanni Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru waraana ofii isaa danda’ee dha jechuun falmu.
Itoophiyaa nagaa gochuuf Oromiyaa nagaa argachuun dirqama akka ta’e himu.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin yoon rakkoo TPLF waliin jiru karuma fedhee xumure, rakkoowwan biroo ni furamu jedhee amana.
Maddi rakkoo humnoota Tigraay akka ta’etti qondaalonni mootummaa federaalaa irra deddeebiin dubbataa turan.
Warri waan Oromiyaa keessatti ta’aa jiru itti dhiheenyaan hordofanii fi xinxaalan garuu yaada mootummaa kanatti walii hin galan.
Waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiru waraana Tigraay keessatti deemaa jirutti hidhuuf yaaluunuu dogoggora cimaa dha jedhan yaada OMNf kennaniin.
Mootummaan yaada dogoggoraa kana keessaa bahee marii hunda hirmaachisee fi haqa qabeessaaf ofqopheessuu qabaa jedhu.
Kun ta’uu baannaan egereen biyyattii hamtuu akka ta’e hubachiisu.
Hayyuun siyaasaa Doktar Mahaarii Taddalaa immoo BBCf yaada kennaniin ”Gamtaan Afriikaa akka jaarsa muummeetti jila kaan waliin mari’achuun hanga yoonaatti tarsiimoo ifa ta’e hin baafne,” jedhu.
”Jáarsummaan iftoomina hin qabaanne waan burjaajii uumuuf amantaa marii nagaatiif barbaachisaa ta’e dhabamsiisa,” jedhu doktar Mahaariin.
Gamtaan Afrikaa biyyoota akka Koongoo, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Seeraliyoon keessatti nagaa buusuu dadhabe ammas qaamota siyaasaa Itoophiyaa keessatti mootummaa federaalaa wajjiin wal waraanaa jiran keessa TPLF qofa fudhachuun mariif taa’uun adeemsuma biyyota kanneen keessatti muudatetu Itoophiyaa keessatti muudachuuf deema jechuun yaaddoo isaani kanneen ibsani jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings