in

Mariin Biyyaalessaa jedhamu fakkeessiidha malee marii biyyattii keessatti nagaa fiduuuf taasifamu miti jedhan Gaafatamaa qunnamtii hawaasaa ABO Lammii Gammachuu yaada OMNiif kennanniin

[ad_1]

Mariin Biyyaalessaa jedhamu fakkeessiidha malee marii biyyattii keessatti nagaa fiduuuf taasifamu miti jedhan Gaafatamaa qunnamtii hawaasaa ABO Lammii Gammachuu yaada OMNiif kennanniin

 

Hoggantoonni Olaanoon ABO fi miseensonni dhaabichaa hedduun kan himata malee mana hidhaa keessa jiranii fi kan manni murtii bilisa baasee poolisaan ugguruman badii malee dararamaa jiraachuus ibsaniiru.

Bu’uurumurraa marii biyyaalessaa jechuun wal dhabdee siyaasaa jiru furuuf marii siyaasaa gochuudha kan jedhan obbo Lammii Gammachuu, ABOn akka dhaabaatti waytii garaagaraatti mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisee akka geggeeffamuuf waamicha godhaa ture jedhan.

Haata’u garuu mariin amma godhamaa jiru fakkeessii fi kan gamtokkeen tokko qofti irratti hirmaatedha jechuun ibsaniiru.

Dhimma marii biyyaalessaatiin wal qabatee dhaabbileen mormitootaa 11 ta’an kan seera biyyattiitiin galmaa’an ejjennoo tokko qabaachuun mariin kun bifa hunda hammateen akka geggeeffamu ibsa adda addaa baasuun gaafataa akka turanis yaadachiisaniiru Gaafatamaa qunnamtii hawaasaa ABO Obbo Lammii Gammachuu.

Mariin amma jedhamaa jiru kun hundeeffama komishinii marii biyyaalessaa kanaaf dhaabbate irraa jalqabee adeemsi isaa cufti hunda galeessaa miti kan jedhan dubbi himaan kun bifa kanaan biyyattii keessatti nagaa finna jedhanii socho’uun waan hin yaadamnee fi tapha ijoolleeti jedhan.

Marii biyyaalessaa geeggeessuu dura haldureewwan maricha milkeessuuf taasifaman hin raawwatamne kan jedhan Obbo Lammiin waajjira seena qabeessa Gullallee dabalatee wajjiraaleen ABO kutaalee Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessatti argaman hedduun hanga ammaatti cufaa jiraachuu himan.

Kana malees hoggantoonni siyaasaa olaanoo fi miseensonni ABO hedduun hanga ammaatti mana hidhaatti ugguramanii jiraachuus eeran.

Marii jechuun hundaa hammataniiti malee isa tokkorraa qoollifatanii isa tokko ofitti qabuun waldhibdee siyaasaa biyya tokko keessatti uumamu furuun hin danda’amus jedhan.

Qondaalonni Olaanoon ABO kan himanni irratti hin banamin kan manni murtii bilisaan gadhiiseyyuu poolisiin ugguree mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dubbatan

Kun ammoo biyyattii keessatti nagaan waaraan akka dhufuufis ta’ee marii hundagaleessa geggeessuuf mootummaan akka fedhii hin qabne agarsiisa jedhan dubbi himaan ABO obbo Lammii Gammachuu

Hundaafuu uummata keenya miidhamaa jiruuf deeggarsi namoomaa dhaqqabuu qaba, rakkoo uumamaa fi namtocheetiin uummata miidhamaa jiruuf dirmannaan taasifamuufii qaba kan jedhan Obbo Lammiin marii biyyaalessaa ilaalchisee adeemsi mootummaan itti jiru abdachiisaa miti jedhaniiru.

Paartiilee morkattootaa gurguddoo 11 kan of keessaa qabu  Manni Marii Paartilee Morkattootaa walgahii idilee isaa Adoolessa 9, 2014 ALItti taa’een, mariin biyyaalessaa dhugaa fi amanamaa ta’e akka milkaa’uuf, tarkaanfiiwwan amantaa uuman kanneen akka dhukaasa dhaabuu labsuu, diinummaa dhaabuu, uggura jaarmiyaalee mootumman walwaraanaa jiran irratti kaa’ame kaasuu, hidhamtoota siyaasaa haalduree tokko malee gadhiisuu fi tarkaanfiwwan biroo akka fudhataman barbaachisaa ta’uurratti mari’achuun ni yaadatama.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia, UN Organizations Appeal for 73 Million USD to Assist over 750,000 Refugees – | Satenaw: Ethiopian News

News: Govt claims its forces kill hundreds of militants, detain thousands in various regions; recapture over 1000 kebelles in Oromia, Benishangul Gumuz states | Satenaw: Ethiopian News