[ad_1]
Marii garlamee qofaan Itoophiyaatti nageenya waaraa buusuun hin danda’amu jedhan xinxaaltonni siyaasaa.
Mariin humnoota Oromiyaa hin hirmaachifne Itoophiyaatti nagaa buusuu hin danda’u kan jedhan xinxaaltonni, hawaasni addunyaas ta’ee mootummaan Itoophiyaa kana hubachuu akka feesisu himaniiru.
Mariin humnoota Tigraay fi mootummaa Federaalaa Afrikaa Kibbaatti taa’amuuf jedha.
Waraana Kaaba Itoophiyaa bifa haaraan dhohee guyyaa guyyaan kasaaraan waraanaa hamaan irratti galmaa’aa jirutti xumura gochuuf, tattaaffiin qaamoleen garaagaraa taasisan itti fufeera.
Gamtaan Afriikaa tattaaffii gama isaatiin taasisu jabeessuun bakkaa fi jaarsolii araaraa rakkoo TPLF fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru ilaalan filatee, Qaamoleen lameen bakka buutota isaanii erguun marii Afriikaa Kibbaatti qophaa’uuf jiru irratti akka hirmaataniif kan afeere yommuu tahu, qaamoleen lameenuu afeerraa taasifameef simachuu isaanii ibsa baasaniin mul’isaniiru.
Hammam gamni lameenuu marii kana irratti hirmaachuuf qophaa’ummaa mul’isuun isaanii hanga tokko adeemsi marii nagaa karoorfame akka abdatamu taasisus, haalonni marii kana gufachiisanii fi itti baha marii kanaa bu’aa dhabsiisuuf danda’an hedduutu jiru jedhu Xiinxaltoonni.
Haalota marii kana gufachiisuuf danda’an jechuun adda durummaan eeraman keessaa akka yaaddoo jabaatti kan dhiyaatu hirmaannaa mootummaan Ertiraa dhimma Itoophiyaa keessatti qabudha.
The African Report, xiinxala dhimma kana irratti dubbisiiseen, “Bulchiinsi Abiy Ahimad marii nagaa buusuuf taasifamu kana irratti qooda fudhachuuf fedhii qabaachuusaa mul’isus, Ejjeennoon bulchiinsa Isaayyaas Afoorqii kan dhabama TPLF arguu irratti hundaa’e adeemsa marii kanaatti danqaa jabaa tahuu mala” jedha.
Giddu seentummaan mootummaan Eritiraa dhimma Itoophiyaa irratti qabu haalota walxaxoo taasisuurra darbee, waraanni hamaan kaaba Itoophiyaatti geggeeffamaa jiru itti fufiinsa akka qabaatu, biyyattiinis gara nagaa waaraatti akka hin ceene kan taasisuuf danda’udha jedha Xiinxalli kun.
Gama mootummaa Ertiraatiinis ammumaa miirri mumul’atu yaada kana kan jabeessu taheera.
Mootummaan Ertiraa gama miidiyaalee isaatiin araarichi Eertiraa moggaatti dhiibeera, milkaahuu hin danda’u yaadni jedhu dhagahamuu eegaleera.
Gama biroon ejjennoo bulchiinsi Abiy Ahimad humnoota Tigiraayi waliin mari’atee rakkoo jiru furuuf qabu ija shakkiin kan ilaalan danuudha.
Ejjennoon gama kanaan jiru itti fakkeessaa fi yeroo bitannaaf malee, dhugaan biyyattiitti nagaa buusuurraa kan madde miti, kun ammoo Itoophiyaatti nagaa waaraa buusuuf kan dandeessisu miti jedhu.
Mariin kun akkaatuma karoorfameen kan itti deemamu yoo ta’ellee fedhii gareelee lameenii walitti araarsuun qormaata jabaa ta’uus hedduun itti waliif galu.
Kanaaf ammoo gareeleen lameen dhimmoota mariif hin dhiyaanne jechuun qabxiilee kanaan dura irra deddeebiin tarreessan fakkeenyummaan eeruun, yaadota kanneen walitti araarsuunuu danqaa tahuu mala jedhu.
Gama TPLF’n: dhimmi daangaa Tigiraayi bakka waraanaan dura turetti deebisuu, waa’een Humna Ittisaa Tigiraayi, akkasumas hiree murteeffannaan Ummata Tigiraayii fi waa’ee gaafatamummaa yakkoota waraanaa ummata naannichaa irratti raawwatamee dabalatee dhimmoota mariif hin dhiyaanne jedhamuun qabxiileen ejjennoo jabaan irratti qabatame akkuma jiran, gama mootummaa Federaalaatiinis qabxiilee tokkummaa daangaa Itoophiyaa kabachiisuu fi biyyattii keessa humni waraanaa tokko qofti akka jiraatu gochuu jedhan dabalatee, dhimmoonni akka ejjennoo hin jijjiiramneetti qabataman jiru.
Isaan kana walitti araarsuun qormaata jabaadha jedhu xiinxaltoonni.
Gama biroon mariin Mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduutti karoorfame kun osuma milkaa’eellee Itoophiyaatti nagaa waaraa argamsiisuuf kan danda’u miti yaadni jedhu dhimma bal’inaan dhagahamu isa kan biraa ta’eera. Bu’uurri yaada kanaa “Marii kanaaf Waraanni Bilisummaa Oromoo hin afeeramne, mariin Waraana Bilisummaa Oromoo hin hammanne ammoo rakkoo Itoophiyaaf furmaata argamsiisuuf kan danda’u miti” kan jedhudha.
Xiinxalaan Siyaasaa Yaayyaa Bashir dhimma kana ilaalchisuun “Araarri waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiru lagatee, garee abbaa fi ilmaa gidduutti qofa godhamu nagaa hawwamu hin fidu.” jedhe.
TPLF fi Bulchiinsa Abiy Ahimad gidduutti nagaa buusuuf yaaluun hanga tokko haala gama kaaba biyyattiin jiru tasgabbeessuuf ni mala kan jedhan xiinxaltoonni, isaan kana gidduutti nagaa buusuu jechuun garuu rakkoo Oromiyaa keessaa furuu jechuu akka hin taane hawaasni addunyaas tahe qaamni dhimmi ilaalu marti hubachuu qaba jedhu.
Hamma rakkoon Oromiyaa keessaa fala hin argatinitti Itoophiyaa nagaa gochuun akka hin danda’amne gadi jabeessanii hubachiisuun, Biyyattiif fala waaraa argamsiisuun kan barbaadamu yoo tahe marii dhugaa hunda hirmaachisetu furmaata taha jechuun dhaamaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings