[ad_1]
Manni Marii Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa ajjeechaa sukkanneessaa ummata Oromoo aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi naannawa isheerratti raawwate jabeessee balaaleffate.
Lubbuu lammiilee nagaa humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannootiin darbeefis gaddee jira.
Dhimmuma kanarratti boordiin mana marii kanaa walgahii ariifachiisaa Fulbaana 03 2022 taa’een ibsa baaseera.
Haaluma kanaan Murni Faannoo fi Finxaaleyyii Amaaraa yakka sukkanneessaa Oromoo irratti raawwate hatattamaa seeratti akka dhiyaatu gaafateeti jira.
Nageenyi uummata Oromoo kutaa hundatti yaaddessaa waan dhufeef qaamni dhimmi ilaallatu hunduu nageenya uummataa akka mirkaneessu, uummatni Oromoos yeroo rakkisaa kanatti gamtaan akka dhaabbatu waamicha godheeti jira.
Sababa shororkeessitoota kanneenii uummata qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqa’eef eegumsi fi gargaarsi namoomaa akka godhamu kan gaafate manni marichaa, jaarmiyaaleen Oromoo biyya keessaa fi ala jiran rakkoo Oromoon keessa jiru hubatanii gargaarsa akka godhan tokkummaanis akka dhaabbatan gaafateera.
Kana malees dhaabbileen mirgoota namoomaa fi hawaasni idil addunyaa gochaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf xiyyeeffannaa kennuun gochaa hamaa kana dhaabsisuuf qooda isaanii akka bahan jechuun waamicha godha Mana marii Amantiilee Oromoo Idil addunyaa.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings