Manni Marii Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa fi Waldaan Amantoota Oromoo Our Redeemer Miniyaapoolositti argamu ajjeechaa suukanneessaa Oromiyaa kutaalee garaagaraatti Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffatan.
Haleellawwan bifa garaagaraan Ummata nagaa irratti raawwatamaa jiran balaaleffachuuf Sadaasa 17, 2022 Minisootaatti hiriirri guddaan qophaa’aa jira.
Dhaabbilee Amantaa Oromoo Waaqeffannaa, Islaamaa fi Kiristaana of keessatti hammachuu kan eeru Manni Marii Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa ajjeechaa suukanneessaa torbanoota dabarsine keessa bakka bakkatti Ummata Oromoo irratti raawwatamaa tureef gaddi jabaan kan itti dhagahame ta’uu ibsuun, gochicha cimsee balaaleffateera.
Keessumaa haleellaawwan Diroonii Aanaalee Meettaa Wal-qixxee fi Cobii, akkasumas magaalota Biilaa fi Mandii irratti raawwatamaniin lammiilee dhuman, ajjeechaa suukanneessaa magaalaa Naqamteetti raawwatameen Ol-adeemoo ajjeefaman, darbees haleellaa hidhattoonni Faannoo Amaaraa Aanaa Saasiggaa Waldaa Makaana Iyyasuus Mul’ata Geelaa irratti raawwataniin dhimma amantoota dhumanii ibsa isaa keessatti kan eeru Manni Marii Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa, gocha suukanneessaa mootummaan Itoophiyaa lammiilee nagaa irratti raawwataa jiru cimsinee balaaleffanna jedheera.
Haleellaawwan Diroonii fi Xiyyaaraa mootummaan Itoophiyaa miira itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amneen raawwatuun Barattootaa fi Ummata Gabaaf bahe dabalatee lammiileen nagaa dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamuun beekameera, Manni Marii Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa gochicha balaaleffachuun cinatti Ummanni Oromoo martii fi hawaasni idil-addunyaa ajjeechaa hamaa guyyaa guyyaan raawwatamaa jiru kanaaf xiyyeeffannoo malu akka kennu gaafanna jedhe.
Ajjeechaawwan tibbana Lixaa fi giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiran dabalatee gochoonni hamoon waggoota afuran darban raawwataman qaama walabaan akka qorataman, yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan, mootummaan Itoophiyaa dararaa ummata irraan gahaa jiru akka dhaabu gaafanna jedhe manni marichaa. Rakkooleen siyaasaa biyyattii mareedhaan kara nagaa fala argachuu akka qabanis gaafateera.
Ummanni Oromoo rakkoolee isa mudataa jiran kana dura gamtaadhaan akka dhaabbatu, jaarmiyaaleen hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa hundi rakkina biyya keessatti ummata Oromoo mudataa jiran hubannoo jala galchuun karaa barbaachisaa tahe hundaan gargaarsa akka godhaniif, tokkummaan akka dhaabbatan gaafanna jedhe Manni Marii Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa.
Gama biroon Waldaan Amantoota Oromoo Our Redeemer, kan Minisootaa magaalaa Miniyaapoliisitti argamtu, Haleellaa Aanaa Saasiggaatti mana Amantaa Makaana Iyyesuus Mul’ata Geelaa irratti Hidhattoota Faannoon raawwatame balaaleffateera.
Haleellaa kana cimsanii kan balaaleffatan amantoonni Waldichaa Abboota Amantaa dabalatee, isaan haleellaa kanaan jimlaan ajjeefamaniif sirna dungoo ibsuu qopheessuun yaadataniiru.
Gama biroon hiriirri guddaan haleellawwan Oromiyaa kutaalee garaagaraatti Ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru balaaleffatuu fi Ummata Oromoo qe’ee isaatti dhumaa jiruuf sagalee tahuu kaayyeffate Sadaasa 17 Minisootaatti kan geggeeffamu tahuun beekameera.
Amantoonni fi Abbootiin Amantaa Hiriira kana irratti bal’inaan qooda fudhachuun Ummata isaaniif sagalee tahuuf dirqama qabu kan jedhan Lubni Waldaa Amantoota Oromoo Our Redeemer Miniyaapooliis Wondimmuu Laggasaa, hunduu tokkummaan bahuun Ummata isaaniif sagalee akka tahan waamicha dhiyeessaniiru.
Abbootiin Amantaas tahe hordoftoonni yeroo Ummata keenya rakkoon mudatu kallattii hundumaan saba isaanii cina dhaabbachuutu irraa eegama, Ummata isaaniif sagalee tahuu qaba jedhan Lubi Wondimmuu Laggasaa.
GIPHY App Key not set. Please check settings